Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Seeroota Bulchiinsa Invastimantiifi Seeroota Faayidaa Ummataatiif Qabiyyee gadi lakkifamuf Shallaggi Beenyaa jedhu irratti Abbotii Alangaa Godinaa fi Ogeessota Waajjira Invastimantii irraa dhufanif Magaalaa #Bishooftutti Leenji hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Sagantaa baniinsa leenjii kana irratti I/A/D/Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo akka jadhanitti, "barbaachiisumaan mata duree leenji kanaa qoratamee leenjidhaaf wayita dhihaatu dhimmota dantaa misoomaa, dhaabbilee gurguddoo, abbaa qabiyyee fi bu'uraalee misoomaa of keessatti qabatee deemaa jira waan ta'eef ogeessotni iddoo kana irratti hojjatan dhimmota kana Seeroota biyyattii waliin wal simsiisuun akka hojjataman hubanno wal fakkaata umuuf kan kaayyeeffate waan ta'eef xiyyeeffannoon leenjii kana hordofuun muuxannoo waljijjiiruun dandeettii raawwachiisummaa akka cimsatan dhaamanii jiru.
Muddee 18/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Seeraa Aanaaleetiif Magaalaa #Ambootti kennaa jira.
Leenjiin kun sakkatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti kan bu'uureffate yoota'u, dhimmoota garaagaraa Seera Deemsa Falmii hariirii Hawaasaa irratti kan xiyyeeffateedha.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa baasii xiqqaan si'aayina haalaa haqa qabeessa ta'een dhimmi tokko akka ilaalamuuf haala dandeessisu irratti dandeettii raawwachiisummaa Abbootii Seeraa kan cimsu akka tahe ibsame.

Leenjichi guyyoota 3f kan kennamu yoo ta'u,
leenjiin kuniis, Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Leenjisaa Seeraa ILQSO kan ta'an #Obboo_Jaarraa_Bariisoo tin kennamaa jira.
Guyyaa 18/04/2017
#ILQSO'n Seeroota fi Waligalteewwan Ijaarsaa:Rakkoowwan qabatamaan mul'atan jedhu irratti Abbooti Alangaa Godinaatif Magaalaa #Bishoftutti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Leenjin kun dhimmoota Haguuggi Seeroota ijaarsaa keessatti kan akka maalummaa waligaltee ijaarsaa,wixiineessa gulaalli wali galte,kabajchiisa waligaltee,bulchiinsa waligaltee,haala waldhabbi ijaarsa, akkaataa wal diiddaan ittiin hikkamuu fi akka wali galaatti addaan ciitinsa waligalte fi bu'aa isaa jedhu irratti ogeessotaaf hubannoo wal fakkaata umuuf kaayyeeffate leenjii qophaa'ee kennamaa jiru ta'u I/A/D/ Ol'aanaa ILQSO obbo Sulxaan Abdoo baniinsa irratti hubachiisani jiru.
Leenjichi turtii guyyoota 3f kan ittifufiinsaan kennamu yoo ta'u, kan kennamaa jiru #Obboo_Dassaaleny_Birhaanuu tiini.