Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Workishoppii Xiqqaa Mirkaneessa Gumee Qorannoo
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa qorannoowwan bara 2016 kana keessa gaggeessuuf karoorfate ilaalchisee gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti Magaalaa #Bishooftutti marii gaggeessee jira. Kaayyoon marii kanaa gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti yaada Abbootii hirtaa fi ogeessotaa fudhachuun gabbisuun Qorannoo gaggeessuuf akka ta'e ibsamee jira. Workishoppii Xiqqaa kana irratti hoggantootni fi ogeessotni manneen hojii dhimmi ilaaluu, leenjistootaa fi Qorattootni ILQSO fi koreen bulchiinsaa argamanii yaada isaanii gumaachanii jiru. Yaadotni marii kana irraa argaman gumeewwan qorannoo dhiyaatan gabbisuun qorannoowwan bilchinaa fi fudhatamummaa qaban akka gaggeeffaman kan taasisaniidha jedhameera.
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraaf
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna Dhagaha Dhimmoota Ol'iyyannoo" jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa adda addaatti hojjataniif Magaalaa #Bishooftutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif kan kennamuudha
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Seeroota Bulchiinsa Invastimantiifi Seeroota Faayidaa Ummataatiif Qabiyyee gadi lakkifamuf Shallaggi Beenyaa jedhu irratti Abbotii Alangaa Godinaa fi Ogeessota Waajjira Invastimantii irraa dhufanif Magaalaa #Bishooftutti Leenji hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Sagantaa baniinsa leenjii kana irratti I/A/D/Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo akka jadhanitti, "barbaachiisumaan mata duree leenji kanaa qoratamee leenjidhaaf wayita dhihaatu dhimmota dantaa misoomaa, dhaabbilee gurguddoo, abbaa qabiyyee fi bu'uraalee misoomaa of keessatti qabatee deemaa jira waan ta'eef ogeessotni iddoo kana irratti hojjatan dhimmota kana Seeroota biyyattii waliin wal simsiisuun akka hojjataman hubanno wal fakkaata umuuf kan kaayyeeffate waan ta'eef xiyyeeffannoon leenjii kana hordofuun muuxannoo waljijjiiruun dandeettii raawwachiisummaa akka cimsatan dhaamanii jiru.