Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Sagantaa_Eebba_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_Addaa_3ffaa Sadaasa 28/2017 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Eebbisiise #Oduu_Raadiyoo_Faanaatiin hojjatame.
#ILQSOn Mataduree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa_Dhimmoota_Xiyyeeffannoo_Barbaadan jedhu irratti leenjii kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #(ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH )Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Roobeetti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Alangaa Godinaalee Baalee,Baalee Bahaa,Boorana Bahaa fi Aanaalee isaan jala jiran akkasuas Bulchiinsa MagaalaaShaashamanneeti.

kaayyoon leenjii kanaa ,Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Manneen Hojii Abbaa Alangaa Falman Adda baasuu, Dhimmoota HH dantaa hawaasaa fi mootummaa ta'an agarsiisuu fi Dhimmoota Hojii misoomaa, Bulchiinsa mootummaatiin hojjatamaniin gosaa fi xaxamiinsi isaanii dabalaa dhufan irratti hubannoo cimsuuf yoo ta'u, akka waliigalaatti muuxannoo waljijjiiruun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e himamee jira.
Muddee 3/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dure #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbotii Alangaa Godinaa fi Aanaatiif Magaalaa #Jimmaatti kennaa jira.

Leenjiin kuniis, Ol'iyyannoo, himata qaxaamuraa fi deebii, Dhiheessa Ragaa, sadarkaa ragaan ittin dhihaatu akkasumas, Iyyannoo raawwii ajajootaa, raawwii mormii,fi keessattu gurgurtaa calbaasii qabeenya raawwiif qabamee fi hin qabamiin irratti mirga dursa argachu qabu jedhu irratti leenjiin hubanno fi dandeetti cimsuu turtii guyyoota sadiif bal'innaan kennamaa jira.

Leenjiin kuniis,Leenjisa ILQSO kan ta'an #Obboo_Tafarii_Hayilaamariyaamiin kennamaa jira.