Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Sadaasa 27/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Siivilii jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.

Leenjichi guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, marsaa lammaffaaf Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif kennamaa jiera.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ,kaayyoon leenjii kanaa muuxannoo fi beekumsa Abbootii Seeraa bira jiru walitti fiduun rakkoowwan qabatamaan Seera Deemaa Falmii Siivilii keessatti mul'tan irratti ijjannoo fi yaada walitti dhiyaatu qabattanii sirna haqaa keessatti tajaajila haqa qabeessa hawaasaaf kennuuf akka ta'e ibsanii jiru.

I/A Pireezidantii Mana Murtii Woliigala Oromiyaa Obboo Badriitamaam Umar, woyta Haasawa baniinsaa taasisan akka jedhanitti, Dhimmi Seera Deemsa Falmii Siivilii dhimma yeroo tokkoon qulqulleessinee keessaa baanu waan hin ta'iniif, irra deddeebin muuxannoo wal jijjiiruun beekumsa keenna cimsannee rakkoolee dhimmoota kanneenin walqabatan furuu irratti hubannoo walfakkaataa fi murtii walitti siqaa akka kenninu hubannoo dandeessisu uumuuf waan ta'eef, leenjii kana irratti muuxannoo walirraa arganne qabatamaan hojitti jijjiiruuf leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuu fi dammaqinaan hirmaachun barbaachisaadha jedhan.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Haala_Hundeeffamaafi_Galmeessa_Waldaalee_Aksiyoonaa_Itti_Gaafatamummaan_Isaanii_Murtaahe jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Magaalaa #Bishooftuutti kennaa jira.

Leenjichi Abbootii Alangaa Sadarkaa Naannoo irratti hojjataniif kan kennamaa jiru yoo ta'u, guyyoota 3f kan turuudha jedhame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo, mata dureen leenjichaa kan filatame sakatta'iinsa fedhii leenjii #ILQSOn gaggeessen yaaduma ogeeyyii kanneen irraa burqeen tahuu ibsuun, kaayyoon leenjii kanaa #Seerota_Daldalaa_Haaraa bahan irratti mari'achuun haala qabatamaa jiruun wal simsiisuun ogeessonni muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo akka horataniif itti yaadamee kan kennamaa jiruudha jedhan.

I/A Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa ergaa haasawa baniinsaa irratti taasisaniin akka jedhanitti, "Seerri daldalaa akkaataa kanaan addatti bahee leenjiin hubannoo waloo uumuu dandeessisu irratti kennamuun gaarii tahuu ibsuun, seeronni dhiyeenna kana bahaa jiran hedduun isaanii haaraa waan ta'aniif, haala qabatamaa nubiratti hojiirra jiruun walitti fiduun hojiirra oolchuuf carraa kanatti fayyadamnee muuxannoo qabnu waljijjiiruun hanqinoota hojiilee hojjachaa turre keessatti nu muudatan akkaataa kamiin fooyyessuu akka qabnu irratti hubanoo walfakkaataa ta'e qabannee hojitti hiikuun gahee nurraa eegamu bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
#ILQSOn_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_Addaa_3ffaa_Eebbisiise.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 3ffaa Abbootii Alangaa 97 eebbisiisuun sirna haqaatti akka makaman taasisee jira.

Inistiitiyuutichi kanaan dura Sagantaalee leenjii adda addaatin ogeessota seeraa 4,225 gahoomsuun sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasisee jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo, haasawa baniinsaa woyta taasisan eebbifamtootan baga gammaddan jechuun, #ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qbatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.

Dhumarrattis Obboo Sulxaan, rakkoolee alnaamusummaa fi malaan hattummaa yeroo ammaa mul'atu kana ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waari'oo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun durqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.