#Malaammaltummaan_Uumaafi_Uumama_Irraanfachuudha!.
Guyyaan Farra Malaammaltummaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Dhaadannoo"Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun:Badhaadhina Hunda Galeessaaf!" Jedhuun kabajame.
Guyyaan Farra Malaammaltummaa bara 2017 akka Addunyaatti yeroo 21ffaaf akka biyya keenyatti yeroo 20ffaaf,akka Naannoo Oromiyaatti yeroo19ffaaf kabajamu #ILQSOtti qophiilee garaagaraatin kabajamee oolee jira. Qophiilee kanneen keessaa #Safuufi_Aadaan_Oromoo_Malaammaltummaa_Ittisuu_Keessatti_Gaheen_Inni_Qabu, mata duree jedhu irratti qorataa Aadaa fi barsiisaa Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Obboo Leeniin Quuxootiin leenjiin bala'aa fi hawataan kennameera.
Gama biraatii barreeffamni Farra Malaammaltummaa irratti xiyyeeffate Leenjisaa Seeraa #ILQSO Obboo Getaachoo Kabbadaatin barruun gabaabaan malaammaltummaa akka dhaloonni safeeffatu kakaasu dhiyaatee jira. Barreeffamicha dhiyaate keessatti rakkooleen malaammaltummaan walqabatanii manneen hojii mootummaa keessatti qorannoon argaman ka'anii jiru. Barreeffamicha dhiyaate irratti mariin kan taasifame yoo ta'u, marii kanaanis dhimmi malaammaltummaa dhimma hundi keenya safeeffachuu qabnuudha jedhame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo kabaja guyyaa Farra Malaammaltummaa kana ilaalchisuun akka mana hojii keenyatti waan baay'etu nurraa eegama waan ta'eef, kaayyoo mana hojii keenyaa galmaan gahuuf qabeenya harkaa qabnu kunuunsuu irraa kaasee harka qulqulluu fi sammuu qulqulluun hawaasa keenya karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun dhaloota hanna safeeffatu horachuu keessatti gahee keenya bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Dhuma irrattis Koreen badhaasaa fi beekkamtii hojjattoota ulaagaalee madaallii keessa darbanii badhaasaaf gahaniif waraqaan ragaafi badhaasni kennamuufin kabajni ayyanichaa sirna beekkamtii kennuutiin goolabameera.