Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hordoftoota Fuula FB keenyaa, sagantaa keenya har’aa #Seerri_Maal_Jedha jedhuun Argannoo Qorannoo tokkoo kutaa lamatti adda qoodnee isinii dhiyeessinee jirra. #kutaa_1ffaa.
ITTISAA FI TOO'ANNOO YAKKA NAMAAN DALDALUU FI NAMOOTA SEERAAN ALA DAANGAA CEESISUU.

Yakki Namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yaaddoo addunyaa erga ta’ee bubbuleera. Yaaliin ittisaa fi to’annoo yakkichaas bara 1905 irraa eegalee hanga ammaatti taasifamaa jira. Itoophiyaanis ittisaa fi too’annoo yakkichaaf sanadoota idil-addunyaa mallateessuu irraa kaasee hanga Heeraa fi seera biyya keessatti tumuun dhimmicha addatti seera of danda’een bulchuu irra geessee jirti.
Itoophiyaan yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu seera yakkaa idilee keessatti bifa gabaabbina qabuun hogganaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa labsii dhimmicha bitu addatti baastee jirti. Labsiin jalqabaa addatti dhimmicha bulchuuf bahe labsii lakk.909/2015 yoo ta’u; labsichi hanqina iftoominaa, seerota biroo waliin walsimuu dhabuu fi rakkowwan namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuuf haala barbaadamuun furmaata kan kennu waan hin taaneef, labsichi labsii biraan akka bakka bu’u ta’eera.

Yeroo ammaa dhimmicha labsiin bulchu labsiin lakk.1178/2020dha. Kanumaayyuu ta’ee yakkicha akka barbaadametti ittisuu fi too’achuun akka hin danda’amin qorannowwan ni agarsisu. Waan ta’eefuu yakkoota kanaan miidhaan gara garaa akka naannoo Oromiyaatti hawaasarra gahaa jira.
Akka dhaabbata qorannoo fi leenjii seeraa gaggeessuutti ILQSOn bara 2015 qorannoo dhimmicha irratti gaggeesseera.

Kaayyoon qorannichaa yakka namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu ittisuu fi to’achuun akkamiin danda’ama kan jedhu irratti furmaata akeekudha.
Kana galmaan gahuuufis wantootni ittisaa fi too’annoo yakkoota kanneenii akka hin milkoofne taasisaa jiran maal akka ta’an adda baasuun yaada furmaataa akeekee jira.

Qorannichi mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffame yoo ta’u; daataa qorannichaaf barbaachisu godinaalee torba iddoo yakkichi itti heddumatu irraa walitti qabameera.
Godinaaleen kunis Godina Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Jimmaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaala Shaggar fa’a dha. Sadarkaa godinaatti manneen hojii kallaattinis ta’e al-kallattiin dhimmicha irratti hojjetan shan [waajjira hojjetaa fi hawwaasumaa, wajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii, mana murtii, waajjira Abbaa Alangaa waliigalaa fi waajjira poolisii irraa ogeessotni dubbifamaniiru. Sadarkaa Biirootti manneen hojii dhimma yakkichaa irratti hojjetan kanneen akka Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa, MMWO, Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii akkasumas sadarkaa federaalaatti Minsteera Haqaa, Ministeera Haajaa Alaa, Ministeera Hojjetaaf Hawaasummaa, Dhimma Dubartootaa dabalatee sekteraalee biroo irraa daataan af-gaaffii gadi fageenya qabu (in-depth interview) namoota 98 waliin gaggeeffameera. Kana malees dhimmota qabatamoon manneen murtii irraa galmee 40 sakatta’amaniiru.
Xiinxalli gaggeeffame irratti hundaa’uun argannoowwan armaan gadii adda bahaniiru. Kanneen adda bahan keessaa tokko #hanqina_qindoominaati.

Hanqinni qindoominaa hojii ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Hojiin ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneen qindoomina biyya keessaa fi kan biyya alaa cimaa ta’e kan barbaadu ta’us qabatamaan qindoominni jiru laafaa waan ta’eef dallaalota yakkicharraa fayyadaman argachuu irratti hanqina guddaatu jira.
Hanqinni qulqullina qorannoo wantoota ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti gufuu ta’aa jiru kan biraati. Qorannoon yakkoota kanneenii akka naannoo Oromiyaatti teeknooloojiin kan deeggaramee miti.

Gama biraan yakkichi ammoo teknooloojiin deeggaramee kan raawwatamu waan ta’eef yakkamtoota bu’uuraa argachuu irratti hanqinatu jira. Kun immoo karaa biraan hundee yakkichaa bu’uurarraa gogsuu irratti hanqinni akka uumamu taasisa.
Hojiin jiruu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf taasifamu laafaa ta’uun rakkoowwan ittisaa fi to’annoo yakkichaa akka hin milkoofne taasisaa jiran keessaa kan biraati. Kana malees, to’annoon ulaawwan daldaaltotni namaa itti fayyadaman irratti taasifamu hanqina qabaachuun rakkoowan ittisaa fi to’annoo yakkichaa irratti gufuu ta’an keessaa akka ta’e qorannoon kun agarsiiseera.

Xiinxala seeraa gaggeeffameen hanqinni bu’uuraa gama seeraatiin kan hin jirre akka ta’e hubatamera. Ta’us, seericha hojiitti hiikuuf hubannoo walfakkaataa qaamolee dhimmicha irratti hojjetan bira hin jiru. Fakkeenyaaf, manneen murtii keessattille dhimmoota walfakkaatan irratti murtiiwwan bifa wal fakkaatinsa hin qabneen murtaa’aa jiru. Abbootiin alangaa yakkootuma ulaagaa yakkichaa hin guutne labsii kanaan himachuun, qorattoonni yeroo qoratanitti sirnaan qorachuun tumaa labsichaa kam jalatti akka kufu adda baafataa deemuu irratti, manneen murtiis yakkichaan namootni adda addaa kan miidhaman yoo ta’ellee, yakka daddabalamaa taasisuun haala sanaan adabuu irratti hanqinni jiraachuu qorannoon argarsiiseera. Hanqinoota jiran kana furuufis yaadni furmaataa armaan gadii akeekamaniiru. #kutaa_2ffaan_itti_fufa.
Sadaasa 16/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Manaajimentii Manneen Sirreessaa ,Miseensota Poolisii fi Ogeessota Manneen Sirreessaa Oromiyaatiif mata duree #Qabiinsaa_fi_Eegumsa_Mirga_Namoomaa_Sirreeffamtoota_Seeraa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Seerota Mirga Namoomaatiin waqabanii fi qabatama Manneen Sirreessaa keessa jiru irratti muuxannoo bal'aa wal jijjiiruun hubannoo waloo ni horatu jedhamee eeggama.

I/A daayrekteera ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, mata dureen kun kan filatameef fedhii leenjii manneen sirreessaa irratti kan hundaa'e ta'uu ibsuun #ILQSOn hojiilee leenjii fi qorannoo gaggeessu cinatti sakkatta'iinsa fedhii leenjii gaggeessun hojii rakkoolee dandeettii ta'an adda baafachuun leenjiwwan gaggabaaboo dandeettii raawwachiisummaa cimsan kan kennuu ta'uu ibsanii jiru.

Dabalataanis Obboo Sulxaan, leenjii kana sababa baajataatin qaama hunda biraan gahuun waan hin danda'amneef qaamni amma carraa kana argatee leenjii kana fudhate kun gara mana hojii isaatti gaafa deebi'e hubannoo asii argate kana qabatama mana hojii keessa jiruun walsimsiisuuf muuxannoo walii qooduun gahee irraa eegamu akka bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

Itti Aanaan Komishiinara Komishiinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa Obboo Ijaaraa Gaarradoo Haasaa taasisaniin, sagantaa leenjii akkanaa manni hojii keenna barbaadu sakkatta'anii feedhii gaafachuun leenjii kana kan qopheessef ILQSO erga galateeffatanii booda, qabiinsi mirga namoomaa biyyi teenna Addunyaa waliin mallateessite haala qabatama manneen sirreessaa keennatiin walbira qabnee hubannoo leenjii kanarraa argannuun hanqinoota nu bira jiran fooyyeessuun muuxannoo leenjicha irraa arganne sadarkaa sadarkaan waliiqoodnee wal hubachiisuun waan seerri jedhu hojitti hiikuu qabna jechuun leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.
Leenjj Manneen Murtii Aadaa irratti #ILQSOn kenne
<unknown>
Leenjii Qajeelfamoota Manneen Murtii Aadaa irratti Sadaasa13/2017 #ILQSOn kennamee oduun Raadiyoo Faanaatin hojjatame.
Hordoftoota keenya, Qorannoo ”Ittisaa fi Too’annoo Yakkoota Namootaan Daldaluu fi Namoota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu: Seeraa fi Qabatama Naannoo Oromiyaa”jedhuu irratti argannoowwan qorannichaa kutaa 1ffaa jalatti maxxansa kana duraatiin isiniif dhiyeessun keenya ni yaadatama.
#kutaa_2ffaa_Yaadotni_furmaataa_ gabaabinaan Qorataa 2ffaa Obboo #Umar_Fiixoo akka armaan gadiiti dhiyeessanii jiru:

#1. Rakkoo_Hubannoon_ Walqabatu_ Furuudhaaf
Hojimaata irratti qorannoo yakkaa irraa calqabee hanga murtiin kennamutti hanqinni hubannoo seeraa ogeessota bira waan jiruuf leenjiin cimsuun akkuma jirutti dhimmichi hawaasa keessattis kan hidda gadi fageeffate waan ta’eef, hawaasa bal’aafis hubannoo kennuun barbaachisaa dha. Walumaagalatti:

a. ILQSOn Labsii Lak.1178/2020 irratti leenjii seeraa ogeessota qaamolee haqaatiif kennamu cimsaa deemuun barbaachisaadha.

b. Hubannoo hawaasaa dabaluun walqabatee, miidiyaaleen mootummaa Naannoo Oromiyaa kan akka Televizsiinii fi Raadiyoo, kana irratti karoorfatanii bal’inaan hojjechuun barbaachisaa waan ta’eef, Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa miidiyaaleen kun xiyyeeffannoo ol’aanaa kennanii akka irratti hojjatan qajeelfamaa fi kallattii hojii kaa’uun barbaachisaa dha.

c. Hojii hubannoo uumuu kanas Biiroon Hojjetaa fi Hawaasumaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hojiin isaa inni guddaa miidhaa yakkootaa kana uummataaf hubannoo uumuu dha waan ta’eef kana irratti cimanii hojjachuu qabu.

d. Biiroon Barnoota Oromiyaa kaarikulamii barnootaa keessatti dhimma yakkoota namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa ceesisuu hammachiisuun sammuu daa’immanii fi dargaggootaa irratti sadarkaa gadiirraa jalqabee hojjechuun hubannoo isaanii gabbisuun dallaaltotaan sobamanii akka miidhaan isaan irra hin geenye taasisuu dha.

#2. Rakkoo_ Qindoominaan_ Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf
 Yakkootni namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yakkoota gurmaayuun daangaa ceeyan (transnational organized crime) waan ta’anii ittisaa fi to’annoon isaanii qindoomina cimaa gaafata. Biyyoota ambaa waliinis ta’e asuma biyya keessatti mootummaa federaalaa fi naannoo,
mootummoolee naannoolee giddutti akkasumas mootummaa naannoo tokkoo keessatti qindoomina seektaraalee adda addaa kan barbaaduu dha. Sirna mootummaaleen kunniin qindoomanii itti hojjetan irratti akkataa Labsii Lak.1231/2021, Labsii Sirna Hariiroo Mootummaa Gidduutti taasifamuun ta’uu mala. Bu’uura Labsii kana kwt.3(2) fi kwt.6 tiin akkaataa barbaachisummaa isaatti seekteraalee qindoominni waliin barbaachisu gara oliittis ta’e dalgeen qindoomanii hojjechuun murteessaa waan ta’eef, Mootummaaan Naannoo Oromiyaa qindoomina kana keessatti gahee isa irraa eeggamu taphachuun barbaachisaa dha.

 Hanqina qindoominaa seektaraalee tumsa gamtaa naannoolee keessatti mul’atuun walqabatee, Wixineen Dambii Mana Maree fi Tumsa Gamtaa Ittisaa fi To’annoo Yakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Alaa Daangaa Ceesisuu Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Qophaa’e, Dambii Lak-----/2015 manneen hojii mootumaa fi miti mootummaa garaagaraatiif gahee hojii kan kennee fi qindoominaan dhimma yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu irratti akka waliin hojjatan kan dirqamsiisuu waan ta’eef, Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa dambicha raggaasisuu akka qabu yaadni furmaataa qorannichaan dhiyaatee ture, yeroo amma dambichi raggaasifamee jira waan ta’eef kana hojitti hiikuun barbaachisaa dha.

#3. Rakkoo_ Qulqullina_ Qorannoo_ Yakkootaatiin_ Walqabatu _Furuudhaaf
 Ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii keessatti gufuu kan ta’e keessa tokko hanqina qorannoo yakkoota kanneeniin walqabatuu dha. Qorannoon yakkoota kanneenii sadarkaa federaalaattis ta’ee sadarkaa naannooleetti teeknooloojii hammayyaa fi loogistiksii gahaan kan deeggaramee miti waan ta’eef, gama mootummaatiin teeknoolojiiwwan qorannoo hammayyaa hundeessuu feesisa. Kanas mootummaan federalaa loojistiksii fi meeshaale teeknoloojii qorannoo dhimmichaaf barbaachisu qaama qoratu (keessattuu naannolee) deeggaruun barbaachisaadha.
 Kana malees, qaama dhimmicha irratti hojjatus gahoomsuu (leenjisuu) waan barbaachisuuf baajata kanaaf barbaachisu deeggaruus qaba.

 Hanqina gama qulqullina qorannoo yakkaatiin jiruuf akkuma labsii ittisaa fi to’annaa shororkeessummaa Labsii Lak.1176/2020 kwt.42 jalatti tumame, sirna qorannoo addaa labsii lakk.1178/2020 keessattis hammachiisuun gaarii dha. Kanaafuu, qaamni seera baastuu biyyattii (Paarlaamaan) labsii lak.1178/2020 haala ibsameen fooyyessuun gaarii ta’a.

 Dabalataan Labsii Lak.1178/2020 keessatti dhaabbilee mana maree biyyaalessaa keessatti bu’uura kwt.33(3)tiin hammataman dhaabbilee akka [National Intelligence and Security Services] waliin hojjechuun dhaabbileen kunniin qorannoo keessatti tumsa akka taasisan gochuun rakkoowwan hammayya’uu dhabuu qorannoo yakkaa fi teknoloojiitti fayyadamuu dhabuun walqabatu furuun namoota yakkicha duuba taa’anii hirmaannaa taasisan seeratti akka dhiyaatan taasisuun barbaachisaa dha.

#4. Rakkoolee_ Jiruufi- Jireenya_ Hawaasaatiin_Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf

 Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun, wantoota akka waliigalaatti godaansaaf seeraan alaatiif ka’umsa ta’an irratti hojjachuun jiruu fi jireenya ummataa fooyyessuun hiyyummaa fi hojii dhabdummaa xiqqeessuuf hojjechuu qaba.

 Dabalataan ilaalcha namootni biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuuf qaban jijjiiruu irratti hojjechuu fi deemsa hojiif jecha karaa seera qabeessaan deemamu salphaa, dhaqqabamaa fi saffisaa taasisuun barbaachisaa dha.

#5. Rakkoo_ Too’annoo_ Daangaatiin_ Walqabatee_ jiru_ furuudhaaf
 Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Mootummaan Federaalaa fi mootummoota naannolee biroo waliin qindoomuun karaalee bebeekkamoo dallaaltonni namoota karaa seeraan alaatiin daangaa ittiin ceesisan (bahiinsaa fi galiinsaa) xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan too’achuun baay’ee barbaachisaa dha. Kana keessatti Komishiniin Poolisii Oromiyaa karaalee gurguddoo ulaawwaan gurguddoo kanatti geessan irratti xiyyeeffachuun sakatta’iinsa konkolaattota irratti taasisuun gahee ittisa yakkaa isaa sirnaan bahachuu qaba.

#6. Rakkoo_ Miidhamtoota_ Deebisanii_ Dhaabuutiin_ Walqabatee_ Jiru_ Ilaalchisee
 Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Biiroon Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan hojii miidhamtoota yakkoota namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu deebisanii dhaabuu irratti dhaabbilee mootummaa fi miti- mootumaa naannicha keessatti hojjetan waliin qindoomuun ciminaan hojjechuutu irraa eegama.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Mata Duree #Yakka_Malaammaltummaa_fi_Qabeenya_Bu'aa_Yakka_Malaammaltummaa_ta'e_Deebissiisuu jedhu irratti Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.

Qaamoleen leenjiin kun kennamaafii jiru Abbootii Seeraa MMWO ,Abbootii Alangaa BAAWO,Abukaattota Ittisaa fi Qorattoota Poolisii Sadarkaa Naannoo irratti hojjatanif yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uun himame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ,kaayyoon leenjichaa Seerota Farra Malaammaltummaa kana irratti qaamolee yakkoota malaammaltummaa qorachuun, himachuu fi murtii kennuu irratti waliin hojjatan kunneen hubannoo waloo qabatanii tokkummaan cimanii yakka malaammaltummaa irratti hojjachuun gahee hawaasni bal'aan irraa eegu akka bahaniif ijjanoo waliinii qabaachuun barbaachisaadha jedhan.

I/A Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa ergaa woyta haasawa baniinsaa taasisan hirmaattota leenjichaatiif dabarsaniin akka jedhanitti, "Malaammaltummaan qaamni muraasni karaa qaxxaamuraatin qabeenya haqa isaa hin taane horachuun mirga lammiilee biroo dhiibuu waan ta'eef, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan kun hubannoo waloo qabaatanii ija jabaatanii walcimsuun bakka uummata bal'aa bu'anii waliin hojjachuun yakka malaammaltummaa kana hir'isuu keessatti gahee ogummaa isaanii bahuun haqa uummataa eegsisuuf cimanii hojjachuu akka qaban dhaamanii jiru.