Gumiin ILQSO Eebba Leenjifamtoota LHD marsaa 17ffaa murteesse
================================
Gumiin Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa walgahii 115ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen ajandaalee adda adda irratti murtii kennee jira.
Gumichi jalqaba irratti gabaasa raawwii hojii ILQSO kurmaana 1ffaa bara 2017 gamaaggameera. Itti aansuudhan gabaasa raawwii hojii leenjii sagantaa leenjii hojiin duraa marsaa 17ffaa qorachuudhaan leenjifamtootni Leenjii hojiin duraa marsaa 17ffaa 180 Fulbaana 27/2017 eebbifamanii gara qaamolee haqaatti akka makaman murteessee jira.
Dhuma irrattis Gumichi leenjifamtootni Leenjii Hojiin Duraa marsaa 18ffaa ILQSO'n simatamanii akka leenji'an murteessee jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota Leenjii Hojii Duraa Marsaa 17ffaa waggaa tokkoof leenjisaa ture guyyaa har'aa eebbisiise.
ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa kaasee leenjiiwwan hujiin duraa, leenjii hojii irraa akkasuma qorannoo fi qo'annoo seeraa gaggeesuun sirna haqaa cimsuu keessatti gahee isaa bahachaa kan jiru yoo ta'u, leenjifamtoota bara 2016 simatee waggaa tokkoof leenjisaa ture marsaa 17ffaaf leenjifamtoota seeraa 180 eebbisiisuun sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasiseera.
Pirezdaantiin Mana Murtii waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan gumii (ILQSO) Obbo Gaazaalii Abbaa Simal sirna eebbaa kanarratti argamuun eebifamtootaan "Baga gammaddan!" erga jedhanii booda, ergaa dabarsaniin sirna haqaa qixa barbaadamuun hojirra oolchuuf ogummaa fi dandeettii abbootii seeraa fi haqaa cimsaa deemuun murteessaa ta'uu ibsanii jiru.
Eebbifamtoonni guyyaa har'aa kennaa tajaajilaa si'ataa qaqqabamaa fi haqa qabeessa taasisuuf kutannoo fi murannoo cimaa naamusaan utubameen galmaan gahuu akka qaban dubbatanii jiru.
Uummata haqaan tajaajiluun dirqama ogummaa qofa osoo hin taane dirqama namummaa waan ta'eef, iddoo deemanitti uummata isaanii akka haqaa fi karaa naamusa qabuun tajaajilan eebbifamtootaaf dhaamanii jiru.
Itti aanan Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Obboo Sulxaan Abdoo hirmaattota sirna eebbaa kanarratti argamaniin baga nagaan dhuftan akkasumas eebbifamtootaan baga bu'aa bayii keessa dabartanii guyyaa kananaan isin gahe erga jedhanii booda haasaa taasisaniin, Inistiitiyuuchi akka biyyaatti fooyya'iinsa sirna haqaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibasnii jiru.
Leenjifamtoonni guyyaa har'aa maata dureewwan leenjii 24 irratti karaa qulqullina qabuun leenjii fudhachaa turuu fi dhumarrattis madaallidhan mirkaneessuun qabatamaan ji'oota afuriif aanaalee garaagaraatti ergamuun hojjechaa turuu isaanii Obbo Sulxaan dubbatanii jiru.
Leenjifamtoonni marsaa 17ffaa ummatasaaniif amanamaa ta'uun rakkoo malaamaltummaa wajjin walqabatee jiru hambisuun tajaajila qulqulluu ummataaf kennuuf imaanaa fi itti gaafatamummaa dachaa fudhatan hojirra oolchuu akka qaban Obbo Sulxaan dhaamanii jiru.
Dhuma irrattis Leenjifamtoota qabxii olaanaa galmeessanif geebaa fi waraqaan ragaa kennameefii jira.

Sagantaa sirna eebba leenjifamtoota leenjii hojii duraa marsaa 17ffaa ILQSOn eebbisiise
#FBC Afaan Oromootiin kan darbe
#FBC Afaan Oromootiin kan darbe
YouTube
Eebbifamtoota Sirna Haqaa
#FBC_Afaan_Oromoo #Ethiopia #ኢትዮጵያ #FANA_TV #FANA_NEWS
Sagantaa Sirna Eebba Leenjifamtoota Marsaa 17ffaa Fulbaana 27/2017 #ILQSOn Eebbisiise.
Pirojektiiwwan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame. Pirojekitiiwwan #ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin raawwatamaa kan jiru ta'uu ibsame.