Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mul'ata kana milkeessuuf hojjechaa jira.
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa marsaa 2ffaaf biqiltuu dhaabanii jiru.
Hojjattoonni Inistiitiyuutichaa armaan dura marsaa 1ffaa biqiltuuwwan gosoota garaagaraa kan dhaaban yoo ta'u, guyyaa har'aa si'a lammaffaaf biqiltuuwwaan nyaataa fi gaaddisaaf ta'u dhaabanii jiru.

Adoolessa 30/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Karoora Bara 2017 Bu'aa irratti xiyyeeffate irratti Hawaasa Inistiitiyutichaa waliin marii gaggeesse.
Mariin kuniis karooricha Ogeessotaa fi Hojjattota Instiitiyuutichaa biratti kan waloo taasifachuun dhuma bara baajataatti galma ILQSOn barbaadu milkeessuf kan kaayyeeffate ta'u Daareektarri Ol'aanan Instiitiyuutichaa Obbo Dobee Dhaabaan wayita maricha jalqabsiisan dubbatani jiru.
Dhuma irrattis galma qabame milkeessuf walii galtee tokkoon raawwi isaatiif hawaasni inistiitiyutichaa hundi gahee isaan irraa eggamu bahuun tumsuu akka qaban dabalataan Daareektarri Ol'aanan dhaamani jiru.