Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Pirojektiiwwan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame. Pirojekitiiwwan ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin deemaa kan jiru ta'uu ogeessonni ibsan. Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa sadarkaa ijaarsi pirojektiiwwan kanneenii irra jiru ilaaluun itti gammadanii jiru.
Joornaaliin Seeraa Oromiyaa Jildiin 13ffaan armaan dura "Yeroo dhihootti eegaa" jechaa turre waan gadi lakkifameef liinkii kanaan seentanii ilaaluu dandeessu.
https://www.ajol.info/index.php/olj
Hojjattoonni ILQSO Ashaaraa magariisaa milkeessuf marsaa 1ffaa biqiltuu dhaaban.
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti hojjattooni Inistiitiyuutichaa biqiltuu nyaataa fi gaaddisaaf ta'u 230 marsaa 1ffaa kan dhaaban yoo ta'u akkaataa karooraatiin kan hafe yeroo itti aanu kan dhaabamu ta'uun ibsame.