Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
ILQSOn workishooppii xiqqaa/Mini Work Shop/ gaggeessaa ture xumure.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa workishooppii xiqqaa guyyoota lamaaf mata dureewwan qorannoo 4 irratti magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa ture yaadota galtee qorannoowwan kanneen cimsu Abbootii hirtaa fi Ogeessota Seeraa irraa sassaabbatee jira.

Dhuma irrattis qorannoowan dhiyaatan hunda irratti yaadota ijaarsaa kennaman fudhachuun qorannicha gabbisuun qulqullinna qorannoowwanii fooyyessuun barbaachisaa ta'uun ibsamee jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n marsaa 15ffaaf Leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraatiin Eebbisiise.

ILQSOn sagantaa leenjii hojiirraa yeroo dheeraatiin bara kana leenjifmatoota seeraa 49 ji' a sadiif erga leenjisee booda guyyaa har'aa eebbisiisee jira.

Daarekteeri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan, keessummoota saganticha irratti argaman erga simataniin booda leenjifamtootaan baga gammaddan jechuun, kaayyoon ILQSO ogeessota seeraa gahoomsuun sina haqaa naannichaa cimsuudha jedhan. Leenjifamtootni har'a eebbifamtan kun ogummaa fi beekumsa duraan qabdan irrtatti turtii ji'oottan sadiin darban ILQSO keessa turtan kanatti beekumsa fi ogummaa dabalataan argattan kanaan hawaasa keenyaf tajaajila haqaa kennuun rakkoowwan gama kanaan jiran furuuf gaheen guddaan isinirraa eeggama jechuun Obboo Dobeen leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.

Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Guyyoo Waari'oo sirna haqaa naannichaa fooyyessuu keessatti gahee ol'aanaa bahachaa kan jiru ILQSO galateeffachuun, leenjifamtootan beekuma dabalataa leenjii hojiirraatin argattan kanaan hawaasa keenya tajaajila haqaa barbaaduuf tajaajila haqa qabeessa kennuun ogummaa fi naamusa hawaasni isinirraa eegun riifoormii mootummaan gama seeraatiin fooyyessuuf karoorfate milkeessuu keessatti shoora ol'aanatu isinirraa eegama jechuun dhaamanii jiru. Dhuma irrattis Obboo Guyyoon, sirna haqaa fooyyessuun tajaajila haqaa hawaasni keenya akka argatu gochuuf Biiroon Abbaa Alangaa waan humni isaa danda'e hunda gochuun isin cinaa jirra jechuun leenjifamtoota jajjabeessanii jiru.