Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
29/09/2016

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO)n mata duree Ce’uusa Haqa Itoophiyaa;Nageenya waaraa fi Haqa mirkaneessuu jedhu irratti marii Siimpooziyeemii gaggeesse.

Siimpooziyeemii kana irratti waraqaan qo’annoo mata duree ce’uumsa haqaatiin wal qabatan jaha ogeessota seeraa Inistiitiyuutichaa fi Yunivaristoota irraa hirmaataniin dhiyaatanii jiru.

Daarekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa Hirmaattota Sagantichaa irratti argamaniin ergaa baga nagaana dhuftanii erga dabarsanii booda haaswa taasisaniin,“kaayyoon siimpooziyeemii kanaa qajeeltowwan yaadamoota haqa ce’uumsaa irratti qorannoowwan ogeessotaan dhiyaatan adda baasanii ilaaluun abbootii hirtaa, qaamolee dhimmi ilaallatuu fi lammiileen hundi hirmaachuun milkaa’ina isaatiif gahee isaan irraa eeggamu akka bahaniif” jedhan.

Komishiinarri Komishiinii Marii Biyyoolessaa Obboo Zagayyee Asfaaw akka jedhanitti, haqni ce’uumsaa marii biyyi teenya yeroo ammaa gaggeessaa jirtu kana keessatti shoora ol’aanaa waan qabuuf, qorannoowwnan ogeessotaan dhiyaatan gara hawaasaatti babal’atanii gadi bu’uun irratti hojjatamnaan milkaa’ina marii biyyoolessaatiif waan guddaa gumaachuu danda’u jechuun xiyyeeffannaan irratti hojjatamuu akka qabu dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis qorannoowwan dhiyaatan irratti yaadni bal’aan hirmaattota irraa kan ka’e yoo ta’u, hawaasni bal’aan kan eegu matadureewwan akkanaa kana waan taheef akka bira gahuun danda’amutti irratti hojjatamuu qaba jedhameera.
Baga Gammaddan!

Joornaaliin Seeraa Oromiyaa / Oromia Law Journal/ qulqullinna joornaalotaa dabaluuf gamaaggama ministeerri barnootaa joornaalota biyya keessaa irratti taasiseen ulaagaa barbaachisu hunda guutee waan argameef beekkamtiin waggaa sadii kennameefii jira.
Waxabajjii 04/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n worki Shooppii xiqqaa / mini work shop/ guyyoota lamaaf turu magaalaa Bishooftuutti gaggeessuu eegalee jira.
ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa kaasee qorannoowwan hedduu mata dureewwan garaagaraa irratti gaggeessaa kan turee fi bara kanas qorannoowwan 4 gaggeesse irratti Abbootii hirtaaf worki shooppii xiqqaa dhiyeessuun yaada galtee fi qorannicha cimsu sassaabbachaa jira.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa hirmaattotaaf haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, ILQSOn qorannoowwan bara baraan gaggeessu irratti mata duree filachuu irraa kaasee fedhii fi qaamolee garaagaraa dhimmi ilaallatu wajjiin tahuun erga mirkanaahee booda kan gaggeeffamu tahuu ibsuun, ammas kaayyoon worki shooppii xiqqaa/mini work shop/ kun qulqullinnaa fi fudhatamummaa akk argatan qorannoowwan dhiyaatan irratti Abbootii hirtaa , ogeessota seeraa fi ogeessota biiroolee garaagaraa irraa afffeeraman hirmaachisuun yaada galtee fi yaada ijaarsaa qorannoowwan keenya cimsuu danda'an funaanuun galtee godhachuun qulqullinna qorannichaa fooyyeessuuf waan taheef yaada ijaarsaa fi galteef ta'an kennuun akka hirmaatan dhaamanii jiru.
Mata dureewwan qorannoon irratti gaggeefame 4 keessaa lama guyyaa har'aa kan dhiyaatan yoo ta'u, Abbootii hirtaa fi Ogeessota Seeraa irraa yaadni bal'aan galtee qorannoowwan dhiyaataniif ta'uu danda'u ka'anii jiru.
worki shooppiin xiqqaan/ mini work shop/ kun guyyaa borus qorannoowwan lamaan hafan irratti kan itti fufu tahuun ibsame.