Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n magaalaa Amboo fi Jimmaatti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif mata dureewwan garaagaraa irratti kennuu eegale har'a guyyaa lammaffaaf haala gaariin kennamaa oolee jira.
ILQSOn Ambootti Leenjiin Hojiirraa Yeroo Gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n magaalaa Ambootti Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa, Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaalee,Abbootii Alangaa Godinaalee fi Aanaaleetiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

ILQSOn mata duree Seerota Bulchiinsa Investimentii Mootummaa FDRI fi Naannoo keenyaa; Waldiddaa Dhimmoota Investimentii Hiikuu keessatti Qaamolee Gahee Qaban jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.

kaayyoon leenjii kanaa, Bulchiinsa Investimentii Naannoo keenyaatiin walqabatee labsii fi danbii haaraa bahe irratti hubannoo waliigalaa uumuuf ta'ee, addatti gahee qaamolee bulchiinsa investimentii irratti dandeettii leenjifamtootaa cimsuuf akka ta'e ibsamee jira.

Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa irratti akka jedhanitti, Leenjichi mata duree kana irratti akka kennamu kan taasifameef fedhii leenjii sassaabame irratti kan hundaa'ee fi leenjifamtoonni labsii fi danbii Investimentii akka Naannoo keenyaatti haaraa bahan irratti hubannoo walfakkaataa fi yaadama walitti dhiyaatu horatanii rakkoowwan hojii keessatti isaan muudatu furuuf hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta’e ibsuun leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun muuxannoo walirraa argataniin hojii isaanii milkeessuuf gaheen guddaan kan ogeessota kanneen irraa eegamu tahuu dhaamanii jiru.
Hordoftoota teelegiraamii keenyaa hundaaf!
Odeeffannoowwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gadi lakkisu karaa peejii fuula FB keenyaatiin nu hordofaa.
Barruuleen Qorannoo Siimpooziyeemii bara 2015 irratti dhiyaatan bakka tokkotti walitti qabamanii bifa kitaabatiin maxxanfamanii jiru.warri soft copy isaa barbaaddan seenudhaan ilaaluu dandeessu.