Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Beeksisa Qacarrii Hojii Inistiitiyuutii Leejii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
ILQSOn magaalaa Jimmaatti matadureewwan garaagaraa irratti iddoo lamatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti Abbootii Alangaa fi Abbootii seeraatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

ILQSOn mata Duree Seerota Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa, Faayidaa Ummataaf Qabiyyee Lafaa Gadi Lakkisiisuu fi Investimantii: dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan jedhu irratti leenjii kan kennaa jiru yoo ta'u, Leenjiin kun guyyoota afuriif kan kennamuudha.

kaayyoon leenjichaa seerota lafaan walqabatanii haaraa bahanii fi xiyyeeffannoo barbaadan irratti hubannoo ogeessota seeraa dabaluuf kaayyeffatee kan kenname ta'uu I/Aanaan Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa magaalaa Ambootti kennaa jira. ILQSOn leenjii mata duree SDFHH/Seera Deemsa Falmii Hariiro Hawaasaa; Dhimmoota Xiyyeeffannoo barbaadan jedhu irratti kan kennaa jiru yoo ta'u, leenjichi guyyoota sadiif kan turu ta'uun himame.
Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa irratti akka jedhanitti "leenjiin sakatta'iinsa fedhii irratti hundaa'uun kan sassaabame yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa hubannoo walii galaa uumuun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e ibsuun leenjichichaaf xiyyeeffannoon ol'aanaan kennamuu qaba." jedhan.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti Abbootii Alangaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
Inistiitiyuutichi mata Duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa ;Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan jedhu irratti Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaaletiif leenjii guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa akka hojjatu bu'uura Labsii 2014/2011 tiin aangoon waan kennameef hojii kana karaa bu'aa qabeessa ta'een raawwachuuf gahumsa Abbootiin Alangaa (SDFHH) seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa irratti qabu dabaluun murteessaa ta'uu ibsamee jira.
Leenjin kunis fedhii leenjii sassaabame irratti hundaa'uun seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hubannoo Abbootii Alangaa dabaluuf kan kennamaa jiru ta'uu I/A Daarekteera Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo himanii jiru.