Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
caamsaa 2/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti Abbootii Seeraa Aanaalee fi mana murtii Ol'aanaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn mata duree Dhagahaa Duraa Dhimma Hariiroo Hawaasaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
kaayyoon leenjichaatis rakkoolee dhagaha duraa dhimma hariiroo hawaasaa fi labsii bulchiinsa itti fayyadama lafa baadiyaatiin waqabatanii uumaman furuuf hubannoo dandeessisu uumuuf akka tahe himame.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, "Leenjiin kun akka kennamu kan barbaachiseef rakkoolee hojii keessatti qabatamaan muudatan akkaataa ittiin furamuu danda'amu irratti kan xiyyeeffate waan ta'eef, leenjicha irrtti muuxannoo qabdan wal jijjiiruun waan akka gaafitti isinitti dhagahame fi rakkoolee mata duree kanaan walqabatanii hojii keessatti isin muudatan hunda kaasuun marii hoo'aa taasisuun muuxannoo argattaniin rakkooleen gama kanaan jiran akka furaman abdiin qaba." jehuun dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Maxxansa Qorannoowwan bara 2015 Jildii 5ffaa
Qorannoowwan ILQSO'n gaggeessu qaamolee abbaa hirtaa haala salphaan akka qaqqaban haala mijeessuu, hojiirra oolmaa argannoo isaanii mirkaneessuu fi maxxansa qorannoo kanaan duraa bifa kitaabaa ( Hard Copy)n maxxansaa turre bara kana Soofti koppiidhaan gadi isinii lakkisnee jirra.
Diizaayiniin Pirojektii ILQSO'n ijaarsisaa jiru kana fakkaata!
Ijaarsi pirojektiiwwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ijaarsisaa jiru gamoon mana kitaabaa fi kaafteeriyaa dizaaynichi kan kana fakkaatu yoo tahu, ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa 50% ol darbeera.