Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Ebla 18/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n magaalaa Adaamaatti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn mata duree Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya ,Labsii lakk.248/2015 fi Dhagahaa Himannaa fi Ol Iyyannoo jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
kaayyoon leenjii kanaa Seera Bulchiinsaa fi Itti Fayyadaama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya bahe irratti hubannoo walii galaa uumuun rakkoolee seerota kanneenin walqabatanii hojii keessatti muudatan bifa walfakkaataa ta’een hiikuuf akka ta’e ibsame.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjichi mata dureewwan kanneen irratti akka kennamu kan taasifameef leenjifamtoonni hubannoo walfakkaataa fi yaadama walitti dhiyaatu horatanii rakkoowwan hojii keessatti isaan muudatu furuuf hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta’e ibsuun leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun muuxannoo walirraa argataniin hojii isaanii milkeessuuf gaheen guddaan kan ogeessota kanneen irraa eegamu tahuu dhaamanii jiru.
Guyyaa 23/08/2016
Inistiitiyuutiin leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3faa gaggeessaa jira.
Gamaaggama raawwii hojii ji'oottan saglan dabranii gadi fageenyan ilaaluun ciminoota jiran itti fufsiisuu fi hanqinoota jiran fooyyessuun milkaa'ina karoora keenyaatiif barbaachisaadha jechuun Daayrekteerri ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa hojjattoota inistiitiyuutichaatiif dhaamanii jiru.
Dhumarrattis kurmaana 4ffaa kana keessatti hojiilee hanga ammaa harca'anii hafan duguugnee hojjachuun karoora keenya kan bara kanaa fiixaan baasuu akkasumas yeroo karoorri bara 2017 itti qophaa'u waan ta'eef hojjattoonni hunduu ciminaan gahee isaanii bahuu qabu jedhame.
Baga Geessan!
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan
Baga Ayyaana Faasikaa bara 2016n isin gahe jechuun hawwii isiniif qabu ibsa, Ayyaanichi kan gammachuu, kan jaalalaa fi milkaa'inaa isiniif haa ta'u jedha.
ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee: Qorannoo fi qo'annoo gaggeessuu, Leenjii idilee hojiin duraa, leenjii hojii irraa yeroo dheeraa fi gabaabaa kennuun ogeessota seeraa gahoomsuun sirna haqaa naannichaa cimsuu keessatti gahee ol'aanaa bahaa turee jira. Ammas bahachaa jira.
Ayyaana Gaarii!!!
Pirojektiiwwan bara 2016 bajata mootummaan ramade birrii miliyoona 263'n Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haaluma karoora pirojektichaatiin adeemaa jira.