ILQSO
3.72K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Abbootii Alangaa fi Abbootii seeraa sadarkaa godinaalee fi aanaalee irra jiraniif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa mata duree " Seerotaa fi walii galteewwan ijaarsaa: Rakkoolee qabatamaa mul'atan" jedhu irratti magaalaa Ambootti kennaa jira.
kaayyoon leenjichaa :wal harkaa fuudhinsa hojii ijaarsaatiin walqabatee rakkoolee qabatamaan mul'atan hiikuu, haala itti walii galtee ijaarsa mootummaa hoogganan , gulalaaman irratti hubannoo qaban gabbifachuu fi tooftaa itti wal diddaa adeemsa raawwii hojii ijaarsaa keessatti uumamu itti furamuu fi kkf irratti hubannoo leenjifamtootaa cimsuuf akka ta'e himamee jira.
Inistiitiuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n magaalaa Jimmaattii Abbootii seeraa fi Abbootii alangaatiif mata duree " Seerotaa fi Walii galteewwan ijarsaa" jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.
Kaayyon leenjichaa: maalummaa ijaarsaa fi seerota ijaarsi ittiin hoogganamu walii galtee ijaarsaatiin walqabatee qabxiilee hammachuu qabu, waldhabdeen akkaataa ittiin hiikamuu fi rakkoolee hojii keessatti muudatan addaan baasanii xiinxaluudhaan kallattii furmaataa fi muuxannoo gaarii ittiin wal jijjiirudhaan hojmaatni wal fakkaataan akka lafa qabatu taasisuudhaf jedhame.
Leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiin magaalota Amboo fi Jimmaatti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif guyyaa kaleessaa irraa eegalee kennamaa jiru haala gaariin itti fufee jira.