ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
Hordoftoota fuula FB ILQSO hundaaf!
Fuullii FB Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hanga ammaa irratti hojjachaa ture " Oromia Justice Sectors Professionals and Legal Researh Institute" jedhu har'a irraa eegalee fuula FB haaraa kanaan hojii isaa waan eegaleef odeeffannoowwan Inistiitiyuutichaan gadi lakkifaman as irratti akka hordoftan kabajaan isin gaafanna.
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa Abbotii Alangaa Oromiyaatiif magaalaa Bishooftutti kenna jira.
Inistiitiyuutichi leenjii mata duree SDFHH/Seera Deemsa Falmii Hariiro Hawaasaa / Dhimmoota Xiyyeeffannoo barbaadan jedhu irratti kan kennaa jiru yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa hubannoo walii galaa uumuun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e himamee jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiiyaa (ILQSO)n Abbootii Seeraa mana murtii ol'aanaatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota sadiif turu magaalaa Bishooftitti kennuu eegalee jira.
ILQSOn mata duree leenjii "Sirna Dhagaha Dhimmoota Ol Iyyannoo" jedhu irratti kennaa jira.
Barbaachisummaan leenjii kanaa dhimmoota aangoo ol iyyannoon walqabatee jiru ,dhagaha ol iyyannoo dhimmoota hariiroo hawaasummaa fi yakkaan wal qabatu irratti hubannoo cimmsuun rakkoolee gama kanaan mul'atan furuuf jedhame.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mata duree SDFHH/ Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa / jedhu irratti leenjii hojiirraaa yeroo gabaabaa guyyaa 3f turu Abbootii Alangaatiif kennaa jira.
ILQSOn guyyaa har'aa leenjiwwan hojii irraa yeroo gabaabaa abbootii seeraa fi abbootii alangaatiif mata duree garaa garaa irratti magaalaa Bishooftuu iddoo lamatti kan kennaa jiruun dabalataatti magaalaa Dirre Dawaattis walta'iinsa bulchiinsa magaalichaatin mataduree walfakkaataa irratti leenjii kennaa jira.