Oromia Legal Training and Research Institute
7.97K subscribers
3.14K photos
26 videos
283 files
29 links
Download Telegram
#ILQSO, Sadaasa 19, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraatiif kennamu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Mana Murtii Aanaatti hojjataniif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjichi fedhii Abbootii Seeraa irra walitti qabame bu’uura godhachuun kan kennamu akka ta’e ibsamee jira. Leenjiin kun kan marsaa jalqabaa yemmuu ta’u guyyoota afuriifis itti fufee kan kennamu ta’a. Marsaaleen itti aananis kilaastaroota leenjii adda addaa irratti ni kennamu.
Hojjattootni Inistitiyuutii leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa sabaaf sablammootaa Itoophiyaa marsaa 18ffaa marii paanaaliitiin kabajanii jiru. Guyyaan kun mootoo "Heddumminaa fi Walqixxummaan Ijaarsa Biyyaaf" jedhuun kabjame. Hojjattootni Inistitiyuutichaa guyyaan kun qabsoo sabaaf sablammoonni taasisanii fi wareegama kaffalaniin kan argame waan ta'eef guyyaa seena qabeessaadha jedhaniiru. Ummata Oromoofis guyyaa mirgi eenyummaa, afaan, aadaa fi seenaan isaa beekkamtii heeraa itti argate waan ta'eef guyyaa addaati jedhaniiru. Dabalataanis hirmattotni ayyaanichaa gumaacha sabaaf sablammootaatiin ijaaramaa kan jiruu fi ashaaraa hunda keenyaa kan ta'e hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa xumursiisuuf waan dandeenyu deeggaruun waadaa keenya haaromsinee jirra jedhaniiru.