Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.13K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seera daldalaa Itoophiyaa haaraa bahe irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Manneen Murtii Olaanaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan turu ta’a.
#Waliigaltee Wal hubannoo/Memorandum of Understanding/
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana Murtii Ol’iyyataa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa waliin qindoomuudhaan hojii leenjii fi qorannoo Seeraa irratti waliin hojjachuuf guyyaa har’aa waliigaltee walhubannoo mallatteessee jira. Akkaataa waliigaltee kanaatiin Manni Murtii Ol’iyyataa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Leenjiiwwan ILQSO’n magaalaa Dirree Dhawaatti kennuuf haala kan mijeessu ta’a. Kana malees hojiin Qorannoo fi qo‘annoo Seeraatiis qindoominaan ni hojjatama.