#ILQSO, Onkoloolessa 10, bara 2015
Hojjattootni fi hoggantootni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2015 fi haala yeroo biyya keenyaa irratti mari'achaa jiru. Marii kanarratti I/A Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo kurmaanni tokkoffaan yeroo qophii karooraa fi raawwataa qopheessuu ta'us ILQSO'n bara kana sanarra darbee sadarkaa raawwiitti galuun hojii bara kana karoorfanne yeroon xumuruuf nu gargaara jedhaniiru. Kurmaana 2ffaa keessattis ciminoota jiran daran cimsanii itti fufsiisuun hanqinaalee jiran immoo furuun raawwii caalmaaf hojjachuu qabna jedhaniiru. Hojjattootni Inistitiyuutichaa haala yeroo biyyi keenya keessa jirtu hubachuun hojii isaanii cimanii hojjachuu qabus jedhaniiru.