#Leenjii ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ji'a Fulbaanaa bara 2015 kana irraa eegalee leenjiiwwan hojiirraa bal'innaan kennuudhaaf qophii isaa xumuree jira. Ji'oottan lamaan darban keessatti hojiiwwan raawwii bara 2014 gamaaggamuu, Fedhii leenjii fi qorannoo adda baasuu, karoora bara 2015 qopheessuu fi sadarkaa adda addaatti irratti mari'achuu, gumii, koree dhaabbii caffee fi qaamolee dhimmi ilaaluun akka mirkanaa'u taasisuu, karoora addaa kenna tajaajilaa qopheessuun hojiirra oolchuu, hojmaatiwwan keessoo kanna tajaajilaan walqabatan kanneen akka chaartarii lammiilee, Istaandardii hojii, sirna komii, maanuwaalii hoggansa keessoo, maanuwaalii sirna walgahii koree bulchiinsaa fi kkf hojjatamaa turanii jiru. Leenjiiwwan kennaman dhaqqabamaa taasisuuf kilaastarootni jaha adda kan bahan yemmuu ta'u Magaalaa Ciroo, Asallaa, Amboo, Walisoo, Shaashamannee fi Adaamaatti bara 2015 leenjii kennuuf haalli mijateera. Leenjii hojiin duraa ilaalchisee calalliin leenjifamtootaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin raawwatamaa kan jiru yemmuu ta'u ji'a Fulbaanaa kana keessa leenjii eegaluuf hojjatamaa jira.

#ILQSO, #Fulbaana 5, bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin atoomuudhaan ogeessota seeraa dhaabbatichaa fi Abbootii Alangaatiif mata duree ''Faayidaa Uummataatiif Qabeenya (qabiyyee) Gadi Lakkisiisuu (Exprpropriation)'' jedhu irratti magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjin kun guyyoota lamaaf kan kennamu yemmuu ta'u, mata duree kun akkuma xumurameen Seeraa Deemsa falmii hariiroo hawaasaa iddoowwan fedhiin adda bahan irrattis guyyoota sadiif itti fufee kan kennamu ta'a.

#ILQSO, Fulbaana 12, Bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Seera Yakka Malaammaltummaa" jedhu irratti ogeessota Qondaala Naamusaa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa sadarkaa Godinaa fi Bulchiinsa Magaalootaa irratti tajaajila kennaa jiraniif leenjii kennaa jira. Leenjiin kunis guyyota sadiif kan kennamu ta'a.