Hoggantootni qaamolee haqaa fi Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa sadarkaa federaalaa fi naannolee adda addaa irraa dhufan sochii hojiiwwan Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa daawwataniiru. Daawwannaa taasisaniinis hojiin Inistitiyuutichi hojjachaa jiru akkuma biyyattii adda kan ta'ee fi muuxannoon guddaan kan irraa fudhatamu akka ta'e ibsuun daawwannaa taasisaniin baay'ee kan gammaddan ta'uu ibsaniiru. Dhuma irrattis mooraa Inistitiyuutichaa keessatti biqiltuu dhaabaniiru.
Barri haaraa 2015 kun gammachuu fi kan badhaadhina akka isiniif ta'u Inistiitiyuutiin keenyaa hawwaa
#Leenjii ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ji'a Fulbaanaa bara 2015 kana irraa eegalee leenjiiwwan hojiirraa bal'innaan kennuudhaaf qophii isaa xumuree jira. Ji'oottan lamaan darban keessatti hojiiwwan raawwii bara 2014 gamaaggamuu, Fedhii leenjii fi qorannoo adda baasuu, karoora bara 2015 qopheessuu fi sadarkaa adda addaatti irratti mari'achuu, gumii, koree dhaabbii caffee fi qaamolee dhimmi ilaaluun akka mirkanaa'u taasisuu, karoora addaa kenna tajaajilaa qopheessuun hojiirra oolchuu, hojmaatiwwan keessoo kanna tajaajilaan walqabatan kanneen akka chaartarii lammiilee, Istaandardii hojii, sirna komii, maanuwaalii hoggansa keessoo, maanuwaalii sirna walgahii koree bulchiinsaa fi kkf hojjatamaa turanii jiru. Leenjiiwwan kennaman dhaqqabamaa taasisuuf kilaastarootni jaha adda kan bahan yemmuu ta'u Magaalaa Ciroo, Asallaa, Amboo, Walisoo, Shaashamannee fi Adaamaatti bara 2015 leenjii kennuuf haalli mijateera. Leenjii hojiin duraa ilaalchisee calalliin leenjifamtootaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin raawwatamaa kan jiru yemmuu ta'u ji'a Fulbaanaa kana keessa leenjii eegaluuf hojjatamaa jira.

#ILQSO, #Fulbaana 5, bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin atoomuudhaan ogeessota seeraa dhaabbatichaa fi Abbootii Alangaatiif mata duree ''Faayidaa Uummataatiif Qabeenya (qabiyyee) Gadi Lakkisiisuu (Exprpropriation)'' jedhu irratti magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjin kun guyyoota lamaaf kan kennamu yemmuu ta'u, mata duree kun akkuma xumurameen Seeraa Deemsa falmii hariiroo hawaasaa iddoowwan fedhiin adda bahan irrattis guyyoota sadiif itti fufee kan kennamu ta'a.