Oromia Legal Training and Research Institute
7.9K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#ILQSO, Hagayya 26 Bara 2014
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dhimma nageenya biyyaa fi Naannoo keenyaa akkasumas haala kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2015 irratti mari'ataniiru. Marii kanaan hojjattootni Inistitiyuutichaa nageenyi dhimma waloo nama hundaati waan ta'eef namni hundi nageenyi akka mirkanaa'uuf gumaacha taasisuu qaba jedhaniiru. Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa oromoon qabu, kallattii hundaan garagarummaa tokko malee bahee tokkummaa fi guddummaa isaa itti agarsiisu waan ta'eef nageenyaa fi miidhagina isaa eegee akka kabajamuuf gahee keenya ni bahanna jedhaniiru.
Hoggantootni qaamolee haqaa fi Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa sadarkaa federaalaa fi naannolee adda addaa irraa dhufan sochii hojiiwwan Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa daawwataniiru. Daawwannaa taasisaniinis hojiin Inistitiyuutichi hojjachaa jiru akkuma biyyattii adda kan ta'ee fi muuxannoon guddaan kan irraa fudhatamu akka ta'e ibsuun daawwannaa taasisaniin baay'ee kan gammaddan ta'uu ibsaniiru. Dhuma irrattis mooraa Inistitiyuutichaa keessatti biqiltuu dhaabaniiru.