Oromia Legal Training and Research Institute
8.16K subscribers
3.16K photos
27 videos
297 files
29 links
Download Telegram
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Labsii To'annoo Gabaa fi Qulqullina Bunaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaa hirmaattotni leenjichaa haala raawwii Labsii Bunaa sadarkaa federaalaatti bahee fi Labsii Omishaalee qonnaa akka naannoo keenyaatti bahe irratti hubannoo dabalataa fi walfakkaataa akka qabaatan taasisuuf akka ta'e ibsamee jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
Hordooftotni amantaa Islaamaa baga ji'a soomaa nagaan geessan! Ramadaan Kariim!!!
Sooma Gaarii!!!!