Hoggantootni, ogeessotnii fi hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Sanada Tiraanisfoormeeshinii Kenniinsa Tajaajila Mootummaa irratti mari’atanii jiru. Bu’uuruma kanaan ciminaalee fi hanqinaaleen kenna tajaajilaa ILQSO ka’anii kan irratti mari’atame yemmuu ta’u koreen hanqinaalee jiran qindeessuun karooraan qabamanii akka furamaniif hojjatus hundaa’ee hojitti galee jira. ILQSO’n hanqinaalee kenna tajaajilaa keessoo isaa furuu qofa osoo hin taane kanneen qaamolee biroo keessatti mul’atanis, keessattuu hanqinaalee gama hojimaataa fi seeraatin jiran qorannoon adda baasuun akkasumas leenjii fi gorsa seeraa kennuun akka furaman taasisuuf gahee akka qabu ibsamee jira.
#ILQSO, Amajjii 20, Bara 2014
Hawaasa Inistitiyuutii keenyaa guyyaa har'aa duula hojii magariisummaa, qulqullinaa fi kunuunsa biqiltuu irratti tola ooltummaan hirmaattan hundi galatoomaa!
Hojiin tolaan tajaajiluu fi naannoo hojii hawwataa taasisuu kun duudhaa Mana hojii keenyaa ta'ee idileedhaan kan raawwatamu ta'a.