#Leenjii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa #Shaashamannee
Leenjiin Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa dhimmoota sirna gabaabaan dhiyaatanii fi raawwii deemsa caalbaasii irratti xiyyeeffate itti fufee magaalaa Shaashamanneettis kennamaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu yoo ta'u Abbootiin Alangaa sadarkaa naannoo hanga Aanaatti jiran hirmaachaa jiru.

#ILQSO, Muddee 6, bara 2014 #Adaamaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa keessoo isaa cimsuuf leenjistootaa fi qorattoota seeraa haaraa bara kana dhaabbiidhaan qacaraman, leenjistoota Mana Murtii Waliigalaafi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin ramadamanii fi kanneen duraan jiraniif mata dureewwaan maloota Leenjii fi Qorannoo irratti magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjin kun guyyoota torbaaf itti fufiinsaan kan kennamu ta'a