Oromia Legal Training and Research Institute
7.89K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Dubartootaa cimsu kennamaa jira.

(Caamsaa 20/2017,ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii Dubartoota Gahoomsuu irratti xiyyeeffate kennaa jira.

Inistiitiyuutichi Leenjiwwan garaa garaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti murteessoo ta’an kennaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa haala addaatiin Dubartoota Qaamlee garaa garaa irraa hirmaachisuun leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu kennaa jira.

Leenjichi mata duree lama irratti guyyaa lamaaf kan kennamu yoo ta’u,
1, Positive mindset and Its Role in Producing Transformational Leadership fi
2. Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii jedhu irratti kan kan kennamu ta’a.

I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo Haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjii kun leenjii addatti Dubartoota gahoomsuuf xiyyeeffatee kennamaa jiru ta’uu ibsuun, Hirmaattonni leenjii kana irratti argaman qaamolee garaagaraa Mana Murtii, Abbaa Alangaa, Waajjira Poolisii , Maaneen sirreessaa, Caffee , Dhimmoota Dubartootaa fi kanneen biro irraa kan hirmaatan waan ta’eef , ILQSOn gama ogummaa seeraa fi hooggansaanis dubartoota cimsuun hawaasa guutuu cimsuu ta’uu hubatee leenjii kana bifa addaatiin qopheessuu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obboo sulxaan, kaayyoon leenjii kanaa dubartoonni cimanii haala garaagaraatiin rakkoolee adda addaa Dubartootaa fi Daa’imman irra gahu irratti hubannoo argataniin iddoo jiranitti ciminaan gahee irraa eeggamu akka bahan dhaamanii jiru.

lenjicha Qindoominaan kan kennaa jiran Dr. Robsan Margo ( Associate Professor) Hoji Gaggeessaa Dhaaɓata Tajaajila Gorsaa Laandmaark fi Barsiisaa Yunivaraiitii Arsii fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Tigisti Asfaaw yoo ta’an Leenjichi guyyaa lamaaf kan turu ta’uun ibsame.
#ILQSOn Qorannoowwan bara kana gaggeesse irratti Worki shooppii Xiqqaa(Mini Workshop) qopheesse.

(Caamsaa 21/2017,ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Qorannoowwan bara 2017 Gaggeesse 5 irratti workishooppii xiqqaa qopheessee jira.

ILQSOn mata dureewwan 5 irratti qorannoo kan gaggeesse yoo ta'u; mata dureewwan qorannoowwan irratti gaggeeffaman
1. Sakatta'a Itti Quufinsa Tajaajilamtoota Manneen Murtii Naanoo Oromiyaa
2. Sirna Kenniinsaa fi Madaallii Hubannoo Seeraa Hawaasaa
3. Ittisaa fi Too'annoo Yakkoota Dubartootaafi Daa'imman irratti raawwataman
4. Maddaa fi Qulqullinna Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa fi
5. Sirna Too'annoo fi Hojiirra Oolmaa Seeraa
Jedhu irratti gaggeefamanii Abbootii hirtaaf dhiyaatanii jiru.

Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa woyta haasaa baniinsaa taasisan akka jedhinitti, kaayyoon workishooppii xiqqaa kanaa qorannoowwan gaggeeffaman irratti yaada galteef ta'an Ogeessotaa fi Qaamolee dhimmi ilaallatu irraa sassaabuun qorannoowwan keenna gabbisuuf ta'uu ibsanii jiru.

Qorannoowwan shananuu erga dhiyaatanii booda mariin bal'aan kan taasifame yoo ta'u, yaadonni bilchaaton qorannoowwan dhiyaataniif galtee ta'uun gabbisuu danda'an hirmaattota biraa ka'anii jiru.

Hoogganaa I/A Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa akka jedhanitti, Hojiin qorattoonni ILQSO ifaajanii hojjatan bu'aa bayiin qorannichi keessa darbu hedduu ta'uu kaasuun qorattoota Inistiitiyuutichaa galateeffachuun yaadonni galtee hirmaattota irraa ka'an sirritti xiinxalamanii qorannicha caalatti gabbisuu danda'uu qabu jedhanii jiru.

Dhuma Irrattis I/A Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsa Seeraa fi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa Aaddee Birqee Zawudee, qorannoowwan gaggeeffaman baay'ee kan gammachuu itti qabnuu fi qorattoota gahuumsa qabaniin kan qorataman waan taheef sirna haqaa naannoo keennaa fooyyessuu keessatti qorannoowan gaggeeffaman irraa waan guddaatu eegama jedhan.
Dabalataanis Aaddee Birqeen, Nuti akka Naannoo keenyaatti Inistiitiyuutii akkanaa sirna haqaa naannichaa fooyyessuun hojii guddaa hojjachaa jiru kana qabaachuun keenna carraa guddaadha jedhanii jiru.

Qorannoowwan ILQSOn gaggeeffamaa jiran hojiirra kan oolaa jiran tahuu isaanii kaasuun Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyatti fudhachuun Hawaasni bal'aan irraa fayyadamaa jiraachuu ibsuun hojiin boonsan hojjatamaa jira jedhan.
Caamsaa 22/09/2017
#Kutaa_16ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 16ffaatin mata duree "Daa'imman Mirgoota Akkamii qabu? " jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Mirgoonni Daa’immaniif Seerri Taasisu maaliif addatti barbaachise?

Mirgoonni isaaniif kenname kun immoo akkamiin Hojiirra ooluu qaba?

Namoota mirga Daa’immanii sarban irratti hoo tarkaanfii akkamiittu fudhatama?

Daai’imman kunuunfamanii akka guddataniif Hawaasni maal gochuu qabu?

Daa’imman abdii egeree biyyaa tokkooti. Kanaaf Daa’imman kunuunsuu fi eegumsa isaaniif malu taasisuun barbaachisaadha.

Daa’imman mirgoota namoonni kamuu qabaniin dabalatatti mirga qofaa isaanii qabu.

Daa’immaniif kophaatti mirgi addaa wanti barbaachiseef kutaa hawaasaa keessatti lakkoofsi isaanii heddummina waan qabuu fi qaamaa fi sammuun bilchaataa waan hin ta’iniifi mirgoonni kunniin addatti isaaniif barbaachisa.

Mata duree Mirgoota Daa'imman addatti qaban maal fa'a? Jedhu kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa #Abdii_Gurmeessaa_(PhD) ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.