Oromia Legal Training and Research Institute
7.89K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Caamsaa 26/ 2017

Inistiitituutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree " Facing New Fronters; Prospects and challenges of Technology of Ethiopian Legal System" jedhu irratt Siimpooziyeemii 3ffaa gaggeesse.

Instiitiyuutichi qorannoowwan gaggeessuu fi leenjiwwan kennuun dabalatatti bara kana marsaa 3ffaaf siimpooziyeemii qopheessee jira.

Daarekterri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddrssaa haasaa baniinsaa taasisaniin keessummoota saganticha irratti argamaniin "baga nagaan dhuftan" erga jedhanii booda, ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee qorannoowwan garaagaraa kan gaggeessaa ture, akkasumas leenjiwwan riifoormii qaamolee haqaa cimsu kan kennaa jiru yoo ta'u, bara 2015 irraa eegalee marsaa 3ffaaf siimpooziyeemii mata dureewwan garaagaraa irratti qopheessaa jira jedhan.

Dabalataanis Obboo Oliyaad kaayyoo Siimpooziyeemichaa woyta ibsan, Tajaajila Teeknoolojiin sirna haqaa keessatti qabu irratti barruulee qorannoo dhiyaatan irratti yaadota galtee fudhachuun qorannicha gabbisuuf akka ta'e ibsanii jiru.

Daarekteerri Daayrektoreetii Qorannoo fi Atoomina MMWO Obboo Tacaan Margaa Akka jedhanitti, ILQSOn sirna haqaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa jira. Keessattuu leenjii gosoota 3n kan kennaa jiruu fi qorannoowwan gaggeessu akkasumas joornaaliwwan maxxansiisaa jiru cinatti waggoottan sadeen kana dabalataan siimpooziyeemii gaggeessee jira. Siimpooziyeemii bara kanaa kan adda taasisu teeknoolojiin akkamitti sirna haqaa keessatti tajaajila si'ataa akkaataa kennuu danda'amu irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun qorattoota waraqaa barruu kanaa dhiyeessaniifi hirmaattota sagantichaa galateeffatanii jiru.

Mata dureewwan qorannoo barruuleen siimpooziyeemii irratti dhiyaatanii,
1.A preview of E_ justice Administration in Ethiopia: The need for Gearing up for Infrustructral challenges
2.A Global Digital Governance and the role of State and Non State Actors in Social media Regulation in Ethiopia
3. Tech_ Driven Testimony and faire Trial in the crime of Trafficking in person: the Security of National and International legal framewaork.
4.Examining the Adequacy of Artificial Intelegence Regulatory frameworks in Ethiopia : A Comparative Appraisal.
5.Managing the challenges of technology in justice system and Reapping its benefits: A systematic Review of A Global best practices and lessons for integrating Tecnology in Ethiopiaa justice's system. Kan jedhuu fi
6. Ethiopia in the cyber age: An analysis of cyber crimes and legal responses jedhu irratti waraqaan qorannoo dhiyaatee jira.

Barruulee qorannoo dhiyaatan irratti mariin bal'aan kan gaggeeffame yoo ta'u, faayidaa teeknoolojiin sirna haqaa fooyyessuu keessatti qabu irratti hirmaattota sagantichaa irraa yaadni bal'aan ka'uun qorannichi yaadaan akka gabbatu taasifameera.

Dhuma irrattis sagantaa kana irratti Hoggantoota duraanii ILQSO hoogganaa turanii fi qorattoota barruulee qorannoo siimpooziyeemii dhiyeessaniif sirni beekkamtiifi waraqaa Ragaa keennuu adeemsifamee jira.
#Baga_Ayyaana_Iid_Al_Adahaa
( Arafaa)#Waggaa_1446ffaan_isin_Gahe!
---------------------------
(Caamsaa 29/2017 ILQSO,Adaamaa)
........ ............
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraan Baga Ayyaana #Iid_Al_Adaha ( Arafaa) waggaa 1446tiin Isin gahe jechaa, Ayyaanichi kan nagaa,tokkummaafi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii !!
Caamsaa 30/09/2017

#Kutaa_17ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 17ffaatin mata duree "Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa " jedhu kan isin biraan geennu ta'a.

Lafti lafeedha. Lafti eenymmaa abbaa qabiyyee sanaa kan ibsuudha.

Lafti qabeenya guddaa waan ta'eef qabeenya kana immoo dhalootaa dhalootatti dabarsuuf kunuunsuun itti fayyadamuun barbaachisaadha.

Mata duree " Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa" Jedhu kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Leenjisaa Seeraa #Obbo_Jaaraa_Bariisoo ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.