Oromia Legal Training and Research Institute
7.75K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hordoftoonni Amantaa Musliimaa hundi baga ayyaana Eid Al Adahaaf nagaan geessan! Eid Mubaarak! Ayyaana Gaarii !!!
Leenjifamtoota leenjii hojiin marsaa 15ffaa leenjii irra jiraniif leenjiin Bilisummaa Itti-Gaafatamummaa fi Iftoomina Hojii Abbaa Seerummaa irratti gama inistiitiyuutichaatiin erga kennameen booda rakkoowwan qabatamaan manneen murtii keessa jiranii fi mul'achaa jiran irratti akkasumas dambii fi qajeelfamoota jiran irratti dabalataan hubannoo akka argatan taasisuuf jecha I/G Waajjira Gumii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa kan ta'an obboo Makonnin Raggaasaa fi I/G Waajjira Naamusaa fi Inispeekshinii MMWO kan ta'an obboo Dachaasaa Kabbadaatiin leenjiin kennamee jira. Daayireektarri Olaanaa inistiitiyuutichaa, obboo Tasfaayee Booressaa kaayyoo leenjichaa fi barbaachsiummaa mata duree leenjichaa irratti ibsa kennuun akkasumas ogeessota kanneen leenjifamtootaan wal barsiisuun leenjicha eegalchiisanii jiru. Gama Mana Hojii Abbaa Alangaatinis dhimmoota walfakkaatan irratti ogeessanni affeerramuun leenjiin kennamaa turuun isaa ni yaadatama.
Hundeeffamaa fi Beekamtii _ Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa

Labsiin 240/2013 keewwata shan jalatti manneen murtii aadaa haaraa sadarkaa gandaatti akka hundaa'an kan tume yammuu ta'u, isaan qabatamaan hojii irra jiraniif immoo akkuma jiraniin itti fufuun tajaajila akka kennan beekamtiin kennameefii jira.
5(1) Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa seera aadaa bu’uureffatanii hojjetan Labsii kanaan hundaa’aniiru.
5(2) Jaarmiyaaleen hawaasaa akkaataa seera aadaatiin waldhabbii hiikan akka Mana Murtii Aadaatti gurmaa’insa qabaniif beekamtiin kennamuufii ni danda’a. Tarreeffamni haala raawwii isaa Dambii fi Qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
5(3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 fi 2 jalatti tumame yoo jiraatellee, jaarmiyaaleen hawaasaa akkaataa seera aadaatiin waldhabbii hiikan akkaataa barameen hojii waldhabbii hiikuu hojjechuu kan dhorku miti.
Daangaa Raawwatiinsaa Labsii Manneen Murtii Aadaa, Kewt 4

4(1) Labsiin kun nama dhimmi isaa akkaataa Labsii kanaatiin akka ilaalamuuf fedhii qabu hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata.

4(2) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, dhimmoota isaan ilaallatuun walqabatee qaamolee gara garaa labsii kana keessatti ibsaman irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Today a Validation workshop had held with stake holders on the impact assessment of Oromia Justice Organs Professionals' Training and Legal Research Institute funded by USAID Feteh Activity in Ethiopia in collaboration with oromia Attorney General and OJOPTLRI at Bishoftu Town.
The impact was conducted by hired independent consultant lawyer, Dr Dejene Girma. The discussions and comments forwarded from the partcipants will be a great inputs to be incorporated in the final submissions which contribute much for the institute to take prospective measures and interventions. The Institute greatly thanks USAID feteh activity project to support this very essentail work and Oromia Attorney general for their humble cooperation.

Guyyaa har'aa, workishooppiin mirkaneessa qorannoo sakatta'a bu'a Qabeessummaa hojii ILQSO ilaalchisee deeggarsa USAID feteh activity project jedhamuun gorsaa fi ogeessa seeraa qacaruun gaggeeffame hirmaattotaaf yaadaan akka gabbatuuf mariif magaala Bishooftuutti dhiyaateera. Qorannoom kunis kan gaggeeffame qaama bilisa dhaabbata kanaan qacarame Dr Dajanee Girmaan yammuu ta'u, Marii kanaanis yaadonni qorannicha cimsan hedduun kan ka'an yammuu ta'u, qorannichis yaadota kennaman waliin gabbattee tajaajila Inistiitiyuutichaa caalmaan fooyyeessuuf kan gargaaru akka ta'e ibsamee jira.