Gurmaa’insa Manneen Murtii Aadaa, Keewwata 7
7(1) Manni Murtii Aadaa gurmaa’insa armaan gadii ni qabaata:
(a) Mana Murtii Aadaa Jalqabaa fi;
(b) Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa.
7(2) Manni Murtii Aadaa Jalqabaa Bulchiinsa Gandaa hunda irratti hundaa’uu ni danda’a.
7(3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, akkaataa fedhii jiruu fi barbaachisummaa isaatiin gandoota 2 fi isaa ol ta’aniif Manni Murtii Aadaa tokko hundaa’uu ni danda’a.
7(4) Manni Murtii Aadaa Oldabarfataa Aanaalee hundaa fi akka barbaachisummaa isaatti Magaalota irrattis kan hundaa’u ta’a.
7(5) Jaarsolii Mana Murtii Aadichaatiin haala addaatiin kan murtaa’u yoo jiraatellee, teessoon idilee Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Magaalaa Teessoo Bulchiinsa Aanichaa, kan Magaalaa Magaalichuma keessaa fi kan Mana Murtii Aadaa Jalqabaa Gandicha keessa ta’a.
7(6) Manni Murtii Aadaa Jalqabaa fi Oldabarfataa qaamolee armaan gadii kan hammatan ta’a:
(a) Walitti Qabaa Jaarsolii Mana Murtii Aadaa fi;
(b) Jaarsolii Mana Murtii Aadaa.
7(7) Manni Murtii Aadaa Barreessaa fi akka barbaachisummaa isaatti hojjetaa biraa qabaachuu ni danda’a.
7(8) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-7 fi tumaaleen biroo labsii kana jalatti tumaman yoo jiraatanillee, gurmaa’insi, moggaasnii fi teessoo Mana Murtii Aadaa akkaataa seera aadaa naannichaatiin jiruuf beekamtiin kennamuu ni danda’a.

Qorannoo Hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa ilaachisuun Inistiitiyuutiin keenya gaggeessee ture irratti hundaa'uun labsiin 240/2013 Manneen Murtii Aadaa hundeessee fi isaan jiraniif immoo beekamtii kenne bahuun isaa ni yaadatama. Argannoowwan qorannoo kanaas; haala dubbisaaf mijatuutti bifa gabaabaa ta'een inistiitiyuutiin keenya Joornaalii Seeraa Oromiyaa irratti maxxansiisee jira. Itti dhiyaadhaa!
https://www.ajol.info/index.php/olj/article/view/211288

ILOQHQSO'n Raawwii Hojii Bara 2013 fi Karoora Bara 2014 irratti hawaasa Inistiitiyuutichaa waliin marii gaggeessee jira.
Marii kana irratti raawwi hojii bara 2013 ilaalchisee ciminoota, hanqinoota fi rakkoolee mul'atan adda baasuun karoora gara fula duraaf galtee akka ta'u danda'an adda baasuun kan gamaaggamame yammu ta’u, karoorri 2014 qophaa'ees dhiyaachuun yaadaan akka gabbattu taasifamee jira. Karoorri bara 2014 qophaa’es marii dhiyaachuun kan yaadni irratti kenanme yammuu ta’u,yaadota marii keessatti ka’aniin caalmaan gabbachuun karoora guutuu hojii irra ooluun bu’aa yaadame argamsiisuu danda’uu ta’uu akka qabu karoorri qophaa’us hanga hojjataa dhuunfaatti karoorfamuun raawwiin isaas yeroo yeroon hordamuu akka qabu Daareektarri Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Tasfaayee Booressaa wayita kallatti hojii gara fula duraa kaa’an ibsanii jiru.
Gammaaggama taasifameenis madaallii rawwii hojii gaggeessuun daayirektoreetiiwwan sadi rawwii hojii bara 2013 keessatti raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennamee jira. Bu’uuruma kanaan, Daayireektarri Daayieektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa, Daayireektarri Qorannoo fi Qo’annoo akkasumas Daayirektarri Daayireektoreetii Qophii Karooraa, Baajataa fi Gammaaggamaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa argatanii jiru.
Dhumarrattis, Daayreektooreetiiwwan bu’aa raawwii hojii olaanaa galmeessisan kanneeniif waraqaan ragaa kan kennameef yammuu ta’u, kanneen 1ffaa fi 2ffaa bahaniif fi immoo laaptooppiin dabalataan bifa badhaasaatiin kennameefii jira. Beekamtiin kenname kunis hawaaasa Inisitiyuutrichaa bu’aa caalmaa galmeesissuuf guddaa kan kakaasuu fi sadarkaa daayireektarootaa fi hojjatootaatti miira dorgammii uumuu keessatti gahee akka qabu ibsamee jira.

Barri haaraa 2014 kan gammachuu fi kan badhaadhina akka isiniif ta'u Inistiitiyuutiin keenyaa hawwaa