Oromia Legal Training and Research Institute
8.17K subscribers
3.16K photos
27 videos
297 files
29 links
Download Telegram
Hojjattootni inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gabaasa raawwii hojiiwwan Inistitiyuutichaa fi kallattiiwwan fuulduraa irratti mari'atanii jiru. Kaayyoon marii kanaas milkaa'inoota Inistitiyuutichaa daran cimsuun itti fufsiisuu fi hanqinaalee mul'atan furuun kurmaanota itti aanaan keessatti raawwii caalmaa qabu galmeessisuuf akka ta'e ibsamee jira. Raawwiin hojii hanga ammaatti jiru akkaataa karoora Inistitiyuutichaatiin yemmuu Ilaalamu karooraa ol ta'us bu'aa qabatamaa sirna haqaa naannichaa irratti fiduu qabuu fi fedhii jiru waliin yemmuu ilaalamu hojii guddaan kan irraa eegamu ta'uunis marii kanarratti ibsamee jira.