Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seeraa Daldalaa Itoophiyaa Keessatti Jijjiramoota Dhaabbilee Daldalaan Wal Qabatamanii Taasifafaman" jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa Naannootiif magaalaa adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota 4f itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, Muddee 11 Bara 2015

#Leenjii Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa simatee leenjisaa turuun ni beekkama. Inistiitiyuutichi leenjii leenjistoota ofii isaatiin kennuun cinatti ogeessota ogummaa fi muuxannoo guddaa qaban manneen hojii biraa irraa affeeruun leenjii akka kennanii fi leenjifamtootnis beekkumsa, muuxannoo fi fakkeenyummaa isaanii irraa baratanii tajaajila haqaa qulqulluu fi haqummaa qabu kennuuf kaka'umsa akka horatanii fi akka of qopheessan taasisaa jira. Bu'uuruma kanaan mata duree "Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa"jedhu irratti Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo Obboo Guyyoo Waariyoo affeeruudhaan leenjiin kennamaa jira. Leenjiin kunis guyyoota lamaaf itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.