Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Waxabajjii 4, Bara 2014, #ILQSO
Wixinee Labsii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa irratti mariin qaamolee qooda fudhattootaa waliin magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Wixineen kun Qorannoo ILQSO'n Labsii Lafa Baadiyyaa lak. 130/1999 irratti gaggeesse bu'uura godhachuun ogeessota Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Mana Murtii Waliigalaa, ILQSO fi Biiroo Lafaa irraa walitti dhufaniin qophaa'ee kan dhiyaateedha.
#Waxabajjii 7, Bara 2014, #ILQSO
#Oduu Joornaalii
Hojii boonsaa ILQSO'n ittiin beekkamuu fi aasxaa Inistitiyuutichaa kan ta'e Joornaaliin Seeraa Oromiyaa Jildiin 11ffaa lakkoofsi 1 maxxansi isaa xumuramee jira. Yeroo dhiyootti dubbistoota biraan kan geenyu waan ta'eef obsaan nu eega!
#Waxabajjii 10, Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gaaffii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irratti hundaa'uun Abbootii Alangaa guddina sadarkaa oleetiin Aanaa irraa gara Godinaatti akkasumas Godina irraa gara Naannootti guddachuuf dorgoman walumatti ogeessota 279 ta'aniif qormaata kennee jira.