Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Waxabajjii 2, Bara 2014, #ILQSO
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Hirmaannaa Kallattii Lammiilee Ijaarsa Biyyaaf" jedhu irratti mari'atanii jiru. Marii kana irratti hojjattootni Inistitiyuutichaa keessattuu hanqinaalee kenna tajaajilaa mul'atan furuun tajaajila dhaqqabamaa, si'ataa fi haqa qabeessa ta'e kennuuf akkasumas sababoota rakkoolee kenna tajaajilaa naannoo keenyaa irratti qorannoo gaggeessuun yaada furmaataa burqisiisuu fi leenjii kennuun jijjiirama biyyaa fi naannoo keenyaaf ni gumaachina jedhanii jiru. Xumura marii kanaa irratti projeektii hidha haaromsaa guddichaaf maqaa waldaa qusannoo Inistitiyuutichaatiin boondii bitachuuf akkasumas dhuunfaa isaanitiin gumaacha maallaqaa taasisuuf waliigalaniiru.
#Waxabajjii 4, Bara 2014, #ILQSO
Wixinee Labsii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa irratti mariin qaamolee qooda fudhattootaa waliin magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Wixineen kun Qorannoo ILQSO'n Labsii Lafa Baadiyyaa lak. 130/1999 irratti gaggeesse bu'uura godhachuun ogeessota Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Mana Murtii Waliigalaa, ILQSO fi Biiroo Lafaa irraa walitti dhufaniin qophaa'ee kan dhiyaateedha.