Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Ebla 3 Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree 'Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadaa (MGS): Seera, Hojimaataa fi Rakkoolee Mul'atan' jedhu irratti Abbootii Alangaatiif leenjii Leenjistummaa kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
Duudhaalee Ijoo ILQSO /Core Values/
1. Gahumsa (excellence)
2. Kalaqummaa (Innovetveness)
3. Ogummaa’uu (professionalism)
4. Fedhii maamilaa giddugaleessa godhachuu/customer centric/
5. Iftoomina/transparency/
6. Dhaqabamummaa (accecebility) fi
7. Qulqullina (quality)
Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2014
Gamaaggamni raawwii hojii Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa kurmaana 3ffaa Magaala Adaamaatti gaggeeffamaa ture Xumurameera. Gamaaggamichi Daayrektoreetiin hundi gabaasa raawwii hojii isaanii kallattiidhaan akka dhiyeessan taasisuun kan eegalame yoo ta'u mariin bal'aanis irratti gaggeeffame jira. Gamaaggama taasifameen akka waliigalaatti raawwii hojii ILQSO hanga kurmaana 3ffaatti jiru kan yeroo walfakkaataa bara darbee waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamu gama hundaanuu fooyya'iinsa kan qabu ta'uun hubatameera. Karoora bara 2014 waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamus hojiiwwan tokko tokko karooraa ol kan raawwataman ta'uun beekkameera. Raawwiin hanga ammaatti jiru jajjabeessaa ta'us hojiiwwan tokko tokko harca'anii kan hafan ta'uu fi hanqinaaleen kenna tajaajilaas kan jiran ta'uun hubatameera. Kanaafuu Daayrektoreetiin hundi hojiiwwan harca'anii hafanii fi hanqinaalee kenna tajaajilaa isaan biratti mul'atan sakatta'uun adda baasuun karoora keessatti hammachiisuun kurmaana 4ffaa keessatti xumuruun keessaa bahuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.