Oromia Legal Training and Research Institute
8.22K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
31 links
Download Telegram
Adoolessa 10 /2017

#Kutaa_20ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 20ffaatin mata duree " Sirnoonni Gaa'elaa Seera Qabeessa jedhaman kan akkamiiti?

Gaa'elli osoo hin jiraatin akka Haadha Manaa fi Abbaa Manaatti waliin jiraachuun ija Seeraatiin akkamitti ilaalama? kan jedhuu fi dhimmoota Gaa'elaan walqabatan bal'innaan isin biraan geenna.

Gaa'elli (Fuudhaa fi Heerumni) aadaa hawaasaa nama lama walitti hidhuuti.

Naannoon keenya Seera Maatii baafatte ni qabdi. Seerri Maatii kun boqonnaa 3ffaa jalatti kewwattoota 19_24 sirna gaa'elli seera qabeessaa itti raawwatamu tumee jira. Isaanis: Sirna raawwii gaa'ela siivilii, Amantaa fi kan Aadaati.

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa fi Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa #Obbo_Dassaaleny_Birhaanuu ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.