Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Leenjii #Gaggeessuummaa #Shaashamannee
Leenjiin hojii irraa yeroo gabaabaa Gaggeessummaa irratti kennamaa ture itti fufee Magaalaa Shaashamanneetti kennamaa jira. Leenjiin kun Pirezidaantota Manneen Murtii fi Itti gaafatamtoota Waajjira Abbaa Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif guyyoota sadiif(3) itti fufiinsaan kan kennamuudha. Kaayyoon leenjii kanaas leenjifamtootni gaggeessummaa irratti hubannoo gahaa argatanii mana hojii isaanii gahumsaan akka hogganan taasisuu akka ta'e ibsamee jira. Leenjifamtootnis kaayyoo leenjii kanaa hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hoo'aa taasisuu fi hubannoo leenjicha irraa argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhameera.