Bitootessa 23/2018
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Agarsiisa Egzibiishinii gaggeesse.
#ILQSOn sagantaa Agarsiisa Egzibiishinii seektaroonni Mootummaa irratti argaman kana irratti hirmaachuun bakka Hoogantoonni Ol’aanoo Oromiyaa argamanitti hojiilee Inistiitiyuutichi hojjachaa jiru daawwachiise.
Sagantaa agarsiisa kana irratti hojiiwwan leenjii, Qorannoo fi Qo’annoo Seeraa, Siimpooziyeemiwwan gaggeeffame fi maxxansaalee joornaalii seeraa agarsiisa kanaaf qophaaye daawwachiisee jira.

❤5👍1
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n kora Qorannoo 4ffaa Siimpooziyeemii guddaa biyyaalessaa mata duree “Mirga Itoophiyaan Ulaa Galaanaa Fayyadamuuf Qabdu” jedhu irratti magaalaa Finfinnee MMWO Galma Caffee Araaraatti gaaggeeffamaa jira.
🙏1
Bitootessa 26/ 2018
Inistiitituutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree " Mirga Itoophiyaan Ulaa Galaanaa Fayyadamuuf Qabdu" jedhu irratt kora qorannoo Siimpooziyeemii guddaa biyyaalessaa
gaggeesse.
Instiitiyuutichi qorannoowwan gaggeessuu fi leenjiwwan kennuun dabalatatti bara kana marsaa 4ffaaf mata duree woytaawaa fi dhimma egeree biyyaa irratti siimpooziyeemii biyyaalessaa qopheessee jira.
Daarekterri Ol'aantun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa baniinsaa taasisaniin keessummoota saganticha irratti argamaniin "baga nagaan dhuftan" erga jedhanii booda, ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee qorannoowwan garaagaraa kan gaggeessaa ture, akkasumas leenjiwwan riifoormii qaamolee haqaa cimsu kan kennaa jiru yoo ta'u, bara 2015 irraa eegalee marsaa 4ffaaf siimpooziyeemii mata dureewwan garaagaraa irratti qopheessaa jira jedhan.
Dabalataanis Aaddee Addunyaan, kaayyoo Siimpooziyeemichaa woyta ibsan, ILQSOn leenjii fi qorannoo gaggeessuun dabalatatti dhimma biyyaa keessattis gahee irraa eeggamu bahuun guddinnaa fi akeeka egeree dhaolootaa keessattis ogummaa fi beekumsa qabuun ashaaraa kaayee darbuu qaba jechuun hirmaattonni barruulee qorannoo dhiyaatan irratti yaadota galteef ta’an kaasuun milkaa’ina isaatiif hunduu gahee isaanii bahuu akka qaban ibsanii jiru.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Gaazalii Abbaa Simal saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin:
Sirna haqaa cimaa qabaachuun guddinaa fi jijjiirama biyya tokkoof murteessaa ta’uu ibsuun, kana galmaan gahuufis Inistiitiyuutin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee leenjii seeraa qorannoo fi tajaajila gorsa seeraa kennuun dhimma ijoo fi woytaawaa tahe kana irrattis xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan.
Hoogganaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Dr. Abdulaziiz Daawud, haasaa taasisaniin dhimmi bishaanii dhimma lubbuuti jechuun, milkaa’ina ulaagalaanaatiif lammiin hunduu qooda isaa bahachuu akka qabu dhaamanii jiru.
Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Federaalaa, Doktar Inji. Habtaamuu Ittafaa, haasaa taasisaniin, dhimmi bishaan lamaanii dhimma ijoo ta’uu ibsuun, Dhimma ulaa galaanaa qorannoo fi qo’annoon utubuun dhugaa jiru addunyaaf beeksisuufi murtii haqaa akka argatu gochuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuu ibsuun dhimmicha akka uummanni ofitti fudhachuun kan kooti jedhutti hubachiisuun barbaachisaadha jedhanii jiru.
Barruulee qorannoo dhiyaatan jaha irratti mariin bal'aan kan gaggeeffame yoo ta'u, hirmaattota sagantichaa irraa yaadni bal'aan ka'uun marichi yaadaan akka gabbatu taasifameera.
Goolaba sagantichaa irraa haasaa cufiinsaa kan taasisan hoogganaan Biiroo koominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayluu Addunyaa akka jedhanitti, ILQSOn sirna haqaa fooyyessuu keessatti hojiilee hojjachaa jiruun dabalatatti sagantaa akkanaa dhimma biyyaa fi dhaloota egereef fayyadu kana keessatti hayyoonni karaa seeraatiin qorannoon deeggaranii dhiyeessuun dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu waan agarsiisuuf waloon milkeessuu keessatti lammiin hunduu gahee isaanii bahuu akka qaban dhaamanii jiru.
Dhuma irratti qorattoota barruulee qorannoo siimpooziyeemii dhiyeessanii fi milkaa’ina sagantichaatif koree hojjachaa turaniif sirni beekkamtiifi waraqaa Ragaa keennuu adeemsifamuun sagantichi xumurameera.

❤5🙏1