ILOQHQSO'n Raawwii Hojii Bara 2013 fi Karoora Bara 2014 irratti hawaasa Inistiitiyuutichaa waliin marii gaggeessee jira.
Marii kana irratti raawwi hojii bara 2013 ilaalchisee ciminoota, hanqinoota fi rakkoolee mul'atan adda baasuun karoora gara fula duraaf galtee akka ta'u danda'an adda baasuun kan gamaaggamame yammu ta’u, karoorri 2014 qophaa'ees dhiyaachuun yaadaan akka gabbattu taasifamee jira. Karoorri bara 2014 qophaa’es marii dhiyaachuun kan yaadni irratti kenanme yammuu ta’u,yaadota marii keessatti ka’aniin caalmaan gabbachuun karoora guutuu hojii irra ooluun bu’aa yaadame argamsiisuu danda’uu ta’uu akka qabu karoorri qophaa’us hanga hojjataa dhuunfaatti karoorfamuun raawwiin isaas yeroo yeroon hordamuu akka qabu Daareektarri Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Tasfaayee Booressaa wayita kallatti hojii gara fula duraa kaa’an ibsanii jiru.
Gammaaggama taasifameenis madaallii rawwii hojii gaggeessuun daayirektoreetiiwwan sadi rawwii hojii bara 2013 keessatti raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennamee jira. Bu’uuruma kanaan, Daayireektarri Daayieektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa, Daayireektarri Qorannoo fi Qo’annoo akkasumas Daayirektarri Daayireektoreetii Qophii Karooraa, Baajataa fi Gammaaggamaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa argatanii jiru.
Dhumarrattis, Daayreektooreetiiwwan bu’aa raawwii hojii olaanaa galmeessisan kanneeniif waraqaan ragaa kan kennameef yammuu ta’u, kanneen 1ffaa fi 2ffaa bahaniif fi immoo laaptooppiin dabalataan bifa badhaasaatiin kennameefii jira. Beekamtiin kenname kunis hawaaasa Inisitiyuutrichaa bu’aa caalmaa galmeesissuuf guddaa kan kakaasuu fi sadarkaa daayireektarootaa fi hojjatootaatti miira dorgammii uumuu keessatti gahee akka qabu ibsamee jira.

Barri haaraa 2014 kan gammachuu fi kan badhaadhina akka isiniif ta'u Inistiitiyuutiin keenyaa hawwaa
Leenjistuu Seeraa Inistiitiyuutii keenyaa kan ta'an, aadde Addunyaa Ahimad Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa akka hooggannan guyyaa har'aa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin muudamanii jiru. Aadde Addunyaan, ogeessa cimtuu naamusa olaanaa fi quuqama uummataa qaban ta'uu isaanii tajaajilli nu biratti kennaa turan ragaadha.Beekumsa, dandeettii, naamusaa fi muuxxannoo qabaniin imaanaa isaanitti kenname milkaa'inaan akka bahatan abdii guddaa qabna. Akka ILQSOttis baga gammaddan jennaan.Bara Hojii gaariis hawwinaaf!