Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa Gaggeeffame.
(Adoolessa,04/2017 , ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qoranno Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hlojii Kurmaana 4ffaa(waggaa) Gaggeesse.
Inistiitiyuutichi Gamaaggama gaggeesseen raawwii hojiilee bara 2017 keessa hojjatamanii gadi fageenyaan ilaaluun hojiileen karoorfaman harki caalaan akkaataa barbaadameen hojjatamuun kan itti milkaa'e tahuu ibsameera.
Hojiiwwaan muraasa bara kana osoo hin milkaa'in hafan karoora bara 2018 keessatti milkeessuuf kan hojjatamu ta'uunis ibsameera.
Gabaasa Raawwii Hojii kurmaana 4ffaa kan Daayrektoreetii hundaatuu gama Daayrektoreetii Karooraatiin kan dhiyaate yoo ta'u, hanqinaaleen akka waliigalaatti mul'atan ka'uun irratti mari'atameera.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti, raawwii hojiiwwan bara 2017 hojjataman keessatti hojiileen karoorfan caalmaan isaanii kan milkaa'an ta'uu ibsuun, karoorfamanii kan hafan karoora bara 2018 keessatti milkeessuf gaheen hunda keennaa ol'aanadha jedhan.
Dabalataanis obbo Sulxaan, gaaffilee fi yaadota hirmaattota biraa ka'an irratti deebii kennuun, akka waliigalaatti barri 2017 kan hojii gaarii hojjachuun itti milkoofne jechuun , hanqinaalee mul'atan tokko tokko waliin ta'uun bara karoora itti aanu keessatti milkeessuuf qophiin hunda keennaa mirteessaa ta'u himanii jiru.

Inistiitiyuutichi leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 4ffaaf Oranteeshinii Gabaabaa kenne.
(Adoolessa 09/2017,ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 4ffaa 100 simachuun leenjisuu eegale.
B.B. Daayrekteera Daayrektoreetii kenna leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Miilkii Makuriyaa Hundeeffama Inistiitiyuutichaa irraa eegalee hojiiwwan gama leenjii, qorannoo seeraa fi tajaajila gorsa seeraatiin hojjataman ibsuun kaayyoon #ILQSO Ogeessota Seeraa gahuumsaa fi naamusa gaarii qaban horachuun fooyya'iinsa sirna haqaa milkeessuuf karoorfame galmaan gahuuf ciminaan hojjachuuf akka ta'e himanii jiru.
Dabalataanis obbo Miilkiin tajaajiloota leenjifamtootaaf yeroo turmaataa isaanii keessatti kennaman ibsuun, naamusni leenjifamtoota irraa eegamus baay'ee murteessaa ta'uu kaasanii jiru.
Leenjifamtoonnis yaadotaa fi dhimmoota tajaajilaan walqabatan tokko tokko irratti yeroo turmaataa kana keessatti waan isaan barbaachisu irratti gaafilee fi yaada kaasanii jiru.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo leenjifamtootaan baga nagaan dhuftan jechuun #ILQSOn iddoo ogeessonni seeraa Naannoo keenyaa naamusaa fi beekumsa guddaa itti argattan waan ta'eef naamusni kun immoo jireenya keessan guutuu akksumas dandeettin asitti horattan iddoo marattuu dorgomaa akka taatan waan isin deeggaruuf ciminaan hojjachuu qabdan jechuun dhaamanii jiru.
Dabalataanis Obbo Sulxaan, akka ILQSOtti naamusaaf xiyyeeffannoo guddaa waan kenninuuf leenjifamtoonnis kana hubatanii ogeessa seeraa naamusa gaarii qabu tahuuf of qopheessuu qabdu jechuun mul'ata keenna milkeesuuf Inistiitiyuutichi waan hedduu hojjataa jieraachuu ibsanii jiru.