Oromia Legal Training and Research Institute
8.22K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
31 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Workishooppii Mirkaneessa Qorannoowwan Bara 2017 Gaggeesse.

(Waxabajjii 21/2017,ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Qorannoowwan bara 2017 Gaggeesse 5 irratti workishooppii mirkaneessa qorannoowwanii qopheessuun Abbootii hirtaaf dhiyeessee jira.

ILQSOn bara kana mata dureewwan 5 irratti qorannoo kan gaggeesse yoo ta'u; mata dureewwan qorannoowwan irratti gaggeeffaman;

1. Sakatta'a Itti Quufinsa Tajaajilamtoota Manneen Murtii Naanoo Oromiyaa
2. Sirna Kenniinsaa fi Madaallii Hubannoo Seeraa Hawaasaa
3. Ittisaa fi Too'annoo Yakkoota Dubartootaafi Daa'imman irratti raawwataman
4. Maddaa fi Qulqullinna Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa fi
5. Sirna Too'annoo fi Hojiirra Oolmaa Seeraa
Jedhu irratti gaggeefaman Abbootii hirtaaf dhiyaatanii jiru.

I/A Daayrekteera Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo keessummootan "Baga Nagaan Dhuftan!" erga jedhanii booda, ILQSOn rakkoolee gama sirna haqaatiin jiran furuuf leenjiwwanii fi qorannoowwan hedduu gaggeessuun hojiiwwan bal'aa hojjataa jiraachuu ibsan.

Qorannoowwan bara kana gaggeeffaman 5 dabalatee ILQSOn hanga ammaa qorannoowean gara 90 ta'u gaggeessuu kan himan obboo sulxaan, qorannoowwan kunniin sheelfirra taa'uu osoo hin taane qabatamaan akka hojiirra oolan gaheen qaamalee saganticha irratti hirmaatanii fi qooda fudhattootaa ol'aanadha jedhan.

Qorannoowwan har'a abbootii hirtaaf dhiyaatan kunniin marii workishooppii xaqqaanis kan dhiyaate ta'uu ibsuun, har'as yaada qaamolee garaagaraa irraa dhiyaatu itti dabaluun qorannicha gabbisuun hojiirra oolmaa isaanitiif qooda fudhattoonni kunneen shoora ol'aanaa qabu jedhan.

Dhuma irratti Obbo Sulxaan milkaa'ina qorannoowan kanaatiif qorattoota ILQSO fi qaamolee garaagaraa as keessatti qooda fudhatan galateeffatanii jiru.

Qorannoowwan shananuu erga dhiyaatanii booda mariin bal'aan kan taasifame yoo ta'u, yaadonni bilchaaton qorannoowwan dhiyaatan gabbisuun hojiirra oolmaa qorannoowwan kanneeniif kallattìi kaa'an hirmaattota biraa ka'anii jiru.

Haaluma kanaan barbaachisummaan qorannoowwan kanneenii rakkoolee gama sirna haqaatiin jiran furuu keessatti gahee ol'aannaa waan qabaniif hojiirra oolmaa isaanii tumsuun akka barbaachisu marii keessatti ka'ee jira.

Pireezidaantii MMWO fi Walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gaazaalii Abbaa Simal woyta haasaa cufiinsaa taasisa akka jedhanitti, Qorannoowwan shananuu sakkatta'iins afedhii gaggeeffammeen irratti hundaa'uun iddoo qaawwa qabu adda baasanii agarsiiu irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame ta'uu ibsuun, qorannoowwan ILQSOn hudeeffama isaa irraa eegalee gaggeessaa ture baay'en isaanii jojiirra oolanii jiru jedhan.

Akka walii galaatti , fooyya'iinsa sirna haqaa naannoo keenyaa cimsuun qaawwa jiran cufuun hawaasni sirna haqaa irratti amantaa akka horatu taasisuuf hojjatamaa jiruaachuu ibsuun Qorannoowwan ILQSOn gaggeeffamaa jiran hojiirra kan oolaa jiran tahuu isaanii kaasuun Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyatti fudhachuun Hawaasni bal'aan irraa fayyadamaa jiraachuu Obbo Gaazaaliin himanii jiru.
#ILQSOn workishooppii Mirkaneessa Qorannoowwan bara kana gaggeeffaman woyta Abbootii Hirtaaf dhiyeessu kan #OBN gabaase.
Waxabajjii 26/2017

Hordoftoota keenna, Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO)n moojuloota Leenjii bara bajataa 2017 mata duree garaagaraa irratti qopheesse #9 fuula Teeleegiraamii keennaa irra waan isinii kaa'ameef telegiraamicha irra seenuun fayyadamuu dandeessu.