Oromia Legal Training and Research Institute
8.22K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
31 links
Download Telegram
Leenjiin Labsii Haaraa 1364/2017 Qabeenya Deebisiisuu kennamaa jira.

Waxabajjii 19/1017, Adaamaa,ILQSO.

Inistiitiyuutuun Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Abbootii Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif mata duree #Qabeenya_Deebisiisuu jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

kaayyoon leenjichaa, Qabeenya bu'aa yakkaa ta'e deebisiisuu ilaalchisee haguuggii seeraa jiru irratti hubannoo uumuu, hojmaata jiru jijjiiruu fi dandeettii barbaachisu horachuun rakkoowwan raawwii qabeenya deebisiisuu irratti muudachuu danda'an dursanii tilmaama kaa'uuf akka ta'e ibsame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Sulxaan_Abdoo woyta haasaa baniinsaa taasisan akka jedhanitti, akka biyya keenyaatti riifoormiwwan garaagaraa gama sirna haqaatin fooyya'an keessaa labsiin Qabeenya deebisiisuu kun isa tokko yoo ta'u, maalummaa isaa fi hojiirra oolmaa labsii kanaa irratti hubannoo uumuun barbaachisaadha jedhan.

Itti dabaluunis Obbo Sulxaan, labsichi qabeenya karaa hin malleen horatamu deebisiisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabuuf ogeessonni seeraa kana irratti muuxannoo qaban waljijjiiruun hubannoo isaanii cimsachuun rakkoolee gama kanaan muudatan furuu irratti hubannoo walfakkaataa horachuun gahee isaan irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

Leenjichi kan turu guyyoota lamaaf yoo ta'u, leenjistoota Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abdii_Asaffaa fi #Obbo_Geetaachoo_Kabbadaa tin kennamaa jira.
Waxabajjii 20 /2017

#Kutaa_19ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 19ffaatin mata duree " Ajajni Mana Murtii maali? Yoo Ajajni Mana Murtii Hojiirra ooluu baate rakkoo maaltu muudata? Kan jedhu fi dhimmoota Ajaja Mana Murtiitin walqabatan bal'innaan isin biraan geenna.

Yaadamni Ajaja Mana Murtii jedhu sirnaan walqabata. Biyyi Sirnaan bulti. Sirni immoo seeraan ijaarama.

Ajajni Mana Murtii kabajamuun bu'aawwan hedduu qaba.

Ol'aantummaan seeraa ni kabajama.

Haqani ni mirkanaa'a.

Hawaasni seeratti akka amanu taasisa. Akkasumas qaroominaa fi dimokiraasii dagaagsa. Ajaja Mana Murtii fudhachuu dhabuun gara alseerummaatti nama geessa. Kun immoo sirna biyyaa diiga waa ta'eef ajani mana murtii kabajamuu qaba.

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa fi Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa #Obbo_Jamaal_Qumbii ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Cuunfaa Qorannoowwan bara kana gaggeeffamanii.executive summary