Oromia Legal Training and Research Institute
7.9K subscribers
3.11K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Caamsaa 22/09/2017
#Kutaa_16ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 16ffaatin mata duree "Daa'imman Mirgoota Akkamii qabu? " jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Mirgoonni Daa’immaniif Seerri Taasisu maaliif addatti barbaachise?

Mirgoonni isaaniif kenname kun immoo akkamiin Hojiirra ooluu qaba?

Namoota mirga Daa’immanii sarban irratti hoo tarkaanfii akkamiittu fudhatama?

Daai’imman kunuunfamanii akka guddataniif Hawaasni maal gochuu qabu?

Daa’imman abdii egeree biyyaa tokkooti. Kanaaf Daa’imman kunuunsuu fi eegumsa isaaniif malu taasisuun barbaachisaadha.

Daa’imman mirgoota namoonni kamuu qabaniin dabalatatti mirga qofaa isaanii qabu.

Daa’immaniif kophaatti mirgi addaa wanti barbaachiseef kutaa hawaasaa keessatti lakkoofsi isaanii heddummina waan qabuu fi qaamaa fi sammuun bilchaataa waan hin ta’iniifi mirgoonni kunniin addatti isaaniif barbaachisa.

Mata duree Mirgoota Daa'imman addatti qaban maal fa'a? Jedhu kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa #Abdii_Gurmeessaa_(PhD) ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Caamsaa 26/ 2017

Inistiitituutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree " Facing New Fronters; Prospects and challenges of Technology of Ethiopian Legal System" jedhu irratt Siimpooziyeemii 3ffaa gaggeesse.

Instiitiyuutichi qorannoowwan gaggeessuu fi leenjiwwan kennuun dabalatatti bara kana marsaa 3ffaaf siimpooziyeemii qopheessee jira.

Daarekterri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddrssaa haasaa baniinsaa taasisaniin keessummoota saganticha irratti argamaniin "baga nagaan dhuftan" erga jedhanii booda, ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee qorannoowwan garaagaraa kan gaggeessaa ture, akkasumas leenjiwwan riifoormii qaamolee haqaa cimsu kan kennaa jiru yoo ta'u, bara 2015 irraa eegalee marsaa 3ffaaf siimpooziyeemii mata dureewwan garaagaraa irratti qopheessaa jira jedhan.

Dabalataanis Obboo Oliyaad kaayyoo Siimpooziyeemichaa woyta ibsan, Tajaajila Teeknoolojiin sirna haqaa keessatti qabu irratti barruulee qorannoo dhiyaatan irratti yaadota galtee fudhachuun qorannicha gabbisuuf akka ta'e ibsanii jiru.

Daarekteerri Daayrektoreetii Qorannoo fi Atoomina MMWO Obboo Tacaan Margaa Akka jedhanitti, ILQSOn sirna haqaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa jira. Keessattuu leenjii gosoota 3n kan kennaa jiruu fi qorannoowwan gaggeessu akkasumas joornaaliwwan maxxansiisaa jiru cinatti waggoottan sadeen kana dabalataan siimpooziyeemii gaggeessee jira. Siimpooziyeemii bara kanaa kan adda taasisu teeknoolojiin akkamitti sirna haqaa keessatti tajaajila si'ataa akkaataa kennuu danda'amu irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun qorattoota waraqaa barruu kanaa dhiyeessaniifi hirmaattota sagantichaa galateeffatanii jiru.

Mata dureewwan qorannoo barruuleen siimpooziyeemii irratti dhiyaatanii,
1.A preview of E_ justice Administration in Ethiopia: The need for Gearing up for Infrustructral challenges
2.A Global Digital Governance and the role of State and Non State Actors in Social media Regulation in Ethiopia
3. Tech_ Driven Testimony and faire Trial in the crime of Trafficking in person: the Security of National and International legal framewaork.
4.Examining the Adequacy of Artificial Intelegence Regulatory frameworks in Ethiopia : A Comparative Appraisal.
5.Managing the challenges of technology in justice system and Reapping its benefits: A systematic Review of A Global best practices and lessons for integrating Tecnology in Ethiopiaa justice's system. Kan jedhuu fi
6. Ethiopia in the cyber age: An analysis of cyber crimes and legal responses jedhu irratti waraqaan qorannoo dhiyaatee jira.

Barruulee qorannoo dhiyaatan irratti mariin bal'aan kan gaggeeffame yoo ta'u, faayidaa teeknoolojiin sirna haqaa fooyyessuu keessatti qabu irratti hirmaattota sagantichaa irraa yaadni bal'aan ka'uun qorannichi yaadaan akka gabbatu taasifameera.

Dhuma irrattis sagantaa kana irratti Hoggantoota duraanii ILQSO hoogganaa turanii fi qorattoota barruulee qorannoo siimpooziyeemii dhiyeessaniif sirni beekkamtiifi waraqaa Ragaa keennuu adeemsifamee jira.
#Baga_Ayyaana_Iid_Al_Adahaa
( Arafaa)#Waggaa_1446ffaan_isin_Gahe!
---------------------------
(Caamsaa 29/2017 ILQSO,Adaamaa)
........ ............
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraan Baga Ayyaana #Iid_Al_Adaha ( Arafaa) waggaa 1446tiin Isin gahe jechaa, Ayyaanichi kan nagaa,tokkummaafi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii !!
Caamsaa 30/09/2017

#Kutaa_17ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 17ffaatin mata duree "Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa " jedhu kan isin biraan geennu ta'a.

Lafti lafeedha. Lafti eenymmaa abbaa qabiyyee sanaa kan ibsuudha.

Lafti qabeenya guddaa waan ta'eef qabeenya kana immoo dhalootaa dhalootatti dabarsuuf kunuunsuun itti fayyadamuun barbaachisaadha.

Mata duree " Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa" Jedhu kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Leenjisaa Seeraa #Obbo_Jaaraa_Bariisoo ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
#ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Eebbisiise.

(Waxabajjii 1/2017,Adaamaa,ILQSO)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Abbootii Alangaa 29 guyyaa har'aa bakka Pirezidantiin MMWO Obbo Gaazaalii Abbaa Simali fi Hoogganaan BAAWO Obboo Guyyoo Waariyoo argamanitti eebbisiisee jira.

Inistiitiyuutichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee leenjiwwan hojiin duraa fi leenjiwwan Hojii irraa yeroo dheeraatiin ogeessota seeraa hedduu gahoomsuun sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa turee jira, ammas bahachaa jira.

Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, keessummoota saganticha irratti argaman simachuun eebbifamtootaan "Baga Gammaddan!" erga jedhanii booda, ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qabatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.

Dabalataanis, Obboo Oliyaad, rakkoolee tokko tokko yeroo ammaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti mul'atan ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waariyoo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun dirqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis Leenjifamtoota yeroo turtii leenjii kana keessatti qabxii ol'aanaa galmeessaniif waraqaan ragaa kennameefii jira.