Oromia Legal Training and Research Institute
7.9K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Ebla 30/2017

#Kutaa_13ffaafi_Xumura_Marsaa_1ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 13ffaan kan xiyyeeffatu Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif mata duree #Tumaalee_Yakka_Falmisiisoofi_Murteessa_Adabbii jedhu Magaalaa #Shaashamanneetti kenname irratti yoo ta'u, leenjicha irraa bu'aan eegamu murtee wal fakkaa kennuu fi hubannoo argatan irraa ka'uun ijjannoo walfakkaataa fi walitti siqaa argachuun ogeessota seeraa hawaasni bal'aan haqa walfakkaataa iddoo hundatti akka argatan taasisuudha. Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n bara hundeeffama isaa irraa eegalee dandeettii raawwachiisummaa ogeessota seeraa cimsuuf leenjiwwan hojiin duraa, leenjiwwan hojii irraa yeroo dheeraa, Qorannoowwanii fi Qo'annoo seeraa gaggeessuun cinatti leenjiwwan gaggabaaboo hojii irraa kennuun ogeessota seeraa walitti fiduun muuxannoo wal jijjiiruun mata dureewwan leenjiwwan fudhatanii irratti ijjannoo fi hubannoo walfakkataa qabatanii garaagarummaa fi rakkoolee sirna haqaa keessatti muudatan dhiphisaa deemuun hawaasni fayyadamaa sirna haqaa walfakkaataa akka tahu gochuudha.

Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophii keenya Yuubaa Seeraa hanga ammaatti darbaa ture irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Turtii Dhimma Invastimentii irratti Abbaa Seeraa Mana Murtii Walii Gala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Jamaal Qumbii Etv Afaan Oromoo wajjiin taasisan.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSOn) Judicial Institute For Africa ( JIFA) waliin Hojjachuuf Sanada Wal-hubannoo (MoU) Mallatteessee jira.

(Caamsaa, 05/2017 , ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa fi Dhaabbatni Judicial Institute For Africa (JIFA) Dhimmoota leenjii fi qorannoo Seeraa irratti Atoominaan waliin Hojjachuuf Sanada wal hubannoo walii mallatteessanii jiru.

Dhaabbatichi teessoon isaa biyya Afrikaa kibbaa magaalaa Keppi-Taawun yoo tau, qaama Abbaa seerummaa irratti leenjii kennuudhaan muuxannoo fi beekkamtii ol’aanaa kan qabuu waan ta’eef Inistiitiuutiin leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa Dhaabbata kana waliin hojjachuun muuxannoo fi beekumsa ogummaa qabu irratti daran dabalachuun tajaajila sirna haqaa fooyya’aa akka kennu taasisa jedhameera.

Dhimmoonni ILQSOn Juducial Inistitute For Africa (JIFA) waggoottan sadan dhufaniif waliin hojjachuuf irratti walii galame; Dhimma Seeraa, Haqa Mandhalee fi kenna leenjii Abbaa seerummaa irratti beekumsaa fi muuxannoo wal jijjiiruu, Gahuumsa Ogeessota Seeraa Naannoo Oromiyaa Cimsuuf deeggarsa ogummaa kennuu fi sagantaawwan leenjii qopheessuu, akkasumas Waliin atoomuun pirojektiiwwan Qorannoo , Maxxansaa fi hojii ijaarsa dandeettii waliin hojjachuuf walii galamee jira.

Darekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, wayta keessummoota simatan haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Inistiitiyuutiin keenya bara hundeeffama isaa irraa eegalee sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti hojiiwwan bal'aa kan hojjataa jiru ta’uu ibsuun, Inistiitiyuutii akka Judicial Institute For Africa (JIFA) muuxannoo fi beekkamtii guddaa qaban kanneen waliin atoominaan hojjachuun mul’ata ILQSOn bara 2022tti akka Baha Afrikaatti Dorgomaa, Akka Afrikaatti beekamaa tahuuf kaayate sana milkeessuu keessatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf yeroo waliin hojjannu kanatti muuxannoo fi beekumsa irraa argannuun sirna haqaa keenya caalatti fooyyessuuf nu gargaara jedhanii jiru.

Sirna mallattoo Sanada Walhubannaa kana irratti hojiiwwan gurguddoo qaamoleen lameeniin raawwataman irratti ibsi gabaabaan gama laamaniinuu kan dhiyaate yoo ta’u, hojiileen Inistiitiyuutichi baroota darban keessa hojjetaa ture ijoon daawwatamaniiru.
Caamsaa 8 /2017

#Kutaa_14ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 14ffaatin kan xiyyeeffatu Sanada wal hubannoon waliin hojjachuu Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) fi Judicial Institute For Africa (JIFA) dhimmoota leenjii seeraa fi Qorannoowwan seeraa gaggeeffaman irratti waliin hojjachuuf walii mallatteessan irratti xiyyeeffata.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hojiilee gurguddoo Leenjii ,Qorannoowwanii fi Qo'annoo Seeraa gaggeessun cinatti Siimpioziyeemii akka biyyaatti mata dureewwan garaagaraa irratti marsaa 3ffaaf qopheessaa jira.

ILQSOn Hojiiwwan gurguddoo hojjachaa jiru keessatti Qorannoowwaan bu'a qabeessa akka Mana Murtii Aadaa yeroo ammaa bu'a qabeessummaan isaa Naannoo Oromiyaa irra darbee naannolee tokko tokko keessatti hojiirra oolaa jiru hojjachuun fooyya'iinsa sirna haqaa keessatti Hojii guddaa hojjachaa jira.

Mul'ata qabu milkeessuuf dhaabbilee garaagaraa biyya keessaa fi alaa waliin hojjataa jira. Tibba kanas Judicial Institute For Africa (JIFA) waliin dhimmoota leenjii fi Qorannoowwan Seeraa irratti waliin hojjachuuf sanada wal hubannoo walii mallatteessanii jiru.
Ogeessonni Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorannoowwan Abbootii Hirtaaf Dhiyaachuuf Qophaa'anirratti mari'ataa jitu.

(Caamsaa 13/2017, Adaamaa ,ILQSO)

ILQSO'n bara baraan qaawwa seeraa fi hojimaata keenninsa seeraa sektaraalee adeemsa hojii keessatti mul'atan irratti hundaa'un qo'annoo seeraa gaggeessun abbooti hirtaaf dhiheessaa furmaata keennisisaa jiraachu isaa ni beekkama.

Bara kanas (2017) mata dureewwaan shan 1.Sirna kenniinsa fi madaallii hubannoo seeraa hawaasaa

2.Sirna to'annoo fi hordoffii hojiirraa Oolmaa seeraa

3. maddaa fi rakkoolee qulqullina keenna tajaajila Abbaa seerummaa manneen murtii Oromiyaa

4. Ittisaa fi To'annoo yakkoota Dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman fi

5.Sakatta'a itti quufiinsa tajaajilamtoota Mana murtii Naannoo Oromiyaa jadhu irratti qorannoo seeraa gaggeessuun bu'aa xiinxala qorannoowwanii leenjiistoota fi qorattootaaf dhiheessuun guyyoota lamaan itti ananiin irratti mari'atamaa jira.

kaayyoon marii kanas,qorannoowwaan dhihaatan irratti yaada ogeessotaan gabbisuun woorkshooppi guddaa qopheessuuf abbooti hirtaaf dhiheessuuf kan kaayyeeffate ta'u isa ogeessonni mari kana irratti hirmaatan himani jiru.