Oromia Legal Training and Research Institute
7.89K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Ebla 25/2017
#Kutaa_12ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 12ffaatin mata duree #Akkaataa_Qulqullinna_Omisha_Qonnaafi_Dhiyeessii_Gabaa_Irratti_Seerri_Maal_Jedha? jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Giddu gala Gabaan alatti Omishni qonnaa yoo gurgurame adabbii akkamii qaba? Qulqullinna Omisha Qonnaa eeguuf eenyutu gahee fudhata? Qulqullinna Omisha qonnaa irratti qaamolee dhiibbaa geessan irratti seerri adabbii akkamii fudhata?

Kan jedhuufi kanneen biroo irratti ibsa bal'aa kan kennan

Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Qorataa seeraa #Obboo_Habtaamuu_Bultii ti.

Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Ebla 30/2017

#Kutaa_13ffaafi_Xumura_Marsaa_1ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 13ffaan kan xiyyeeffatu Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif mata duree #Tumaalee_Yakka_Falmisiisoofi_Murteessa_Adabbii jedhu Magaalaa #Shaashamanneetti kenname irratti yoo ta'u, leenjicha irraa bu'aan eegamu murtee wal fakkaa kennuu fi hubannoo argatan irraa ka'uun ijjannoo walfakkaataa fi walitti siqaa argachuun ogeessota seeraa hawaasni bal'aan haqa walfakkaataa iddoo hundatti akka argatan taasisuudha. Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n bara hundeeffama isaa irraa eegalee dandeettii raawwachiisummaa ogeessota seeraa cimsuuf leenjiwwan hojiin duraa, leenjiwwan hojii irraa yeroo dheeraa, Qorannoowwanii fi Qo'annoo seeraa gaggeessuun cinatti leenjiwwan gaggabaaboo hojii irraa kennuun ogeessota seeraa walitti fiduun muuxannoo wal jijjiiruun mata dureewwan leenjiwwan fudhatanii irratti ijjannoo fi hubannoo walfakkataa qabatanii garaagarummaa fi rakkoolee sirna haqaa keessatti muudatan dhiphisaa deemuun hawaasni fayyadamaa sirna haqaa walfakkaataa akka tahu gochuudha.

Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophii keenya Yuubaa Seeraa hanga ammaatti darbaa ture irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.
Turtii Dhimma Invastimentii irratti Abbaa Seeraa Mana Murtii Walii Gala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Jamaal Qumbii Etv Afaan Oromoo wajjiin taasisan.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSOn) Judicial Institute For Africa ( JIFA) waliin Hojjachuuf Sanada Wal-hubannoo (MoU) Mallatteessee jira.

(Caamsaa, 05/2017 , ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa fi Dhaabbatni Judicial Institute For Africa (JIFA) Dhimmoota leenjii fi qorannoo Seeraa irratti Atoominaan waliin Hojjachuuf Sanada wal hubannoo walii mallatteessanii jiru.

Dhaabbatichi teessoon isaa biyya Afrikaa kibbaa magaalaa Keppi-Taawun yoo tau, qaama Abbaa seerummaa irratti leenjii kennuudhaan muuxannoo fi beekkamtii ol’aanaa kan qabuu waan ta’eef Inistiitiuutiin leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa Dhaabbata kana waliin hojjachuun muuxannoo fi beekumsa ogummaa qabu irratti daran dabalachuun tajaajila sirna haqaa fooyya’aa akka kennu taasisa jedhameera.

Dhimmoonni ILQSOn Juducial Inistitute For Africa (JIFA) waggoottan sadan dhufaniif waliin hojjachuuf irratti walii galame; Dhimma Seeraa, Haqa Mandhalee fi kenna leenjii Abbaa seerummaa irratti beekumsaa fi muuxannoo wal jijjiiruu, Gahuumsa Ogeessota Seeraa Naannoo Oromiyaa Cimsuuf deeggarsa ogummaa kennuu fi sagantaawwan leenjii qopheessuu, akkasumas Waliin atoomuun pirojektiiwwan Qorannoo , Maxxansaa fi hojii ijaarsa dandeettii waliin hojjachuuf walii galamee jira.

Darekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, wayta keessummoota simatan haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Inistiitiyuutiin keenya bara hundeeffama isaa irraa eegalee sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti hojiiwwan bal'aa kan hojjataa jiru ta’uu ibsuun, Inistiitiyuutii akka Judicial Institute For Africa (JIFA) muuxannoo fi beekkamtii guddaa qaban kanneen waliin atoominaan hojjachuun mul’ata ILQSOn bara 2022tti akka Baha Afrikaatti Dorgomaa, Akka Afrikaatti beekamaa tahuuf kaayate sana milkeessuu keessatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf yeroo waliin hojjannu kanatti muuxannoo fi beekumsa irraa argannuun sirna haqaa keenya caalatti fooyyessuuf nu gargaara jedhanii jiru.

Sirna mallattoo Sanada Walhubannaa kana irratti hojiiwwan gurguddoo qaamoleen lameeniin raawwataman irratti ibsi gabaabaan gama laamaniinuu kan dhiyaate yoo ta’u, hojiileen Inistiitiyuutichi baroota darban keessa hojjetaa ture ijoon daawwatamaniiru.