Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Ebla 09/2017

#Kutaa_10ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 10ffaatin mata duree #Qabeenya_Bu'aa_Yakka_Malaammaltummaa_tahe_Deebisiisuufi_Bulchuu jedhu qababannee dhiyaannee jirra.

Ka'uumsi jecha #Malaammaltummaa' ykn 'Corruption' jedhu jecha #Laatiinii_'Corruptus' jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikkoon isaas' #Cabsuu kan jedhuudha. Camsuun kunis kan agarsiisu hojmaata, dambii, seera ykn qajeelfamadha. Malaammaitummaan gufuu guddaa misooma biyya tokkooti. Malaammaltummaan namni tokko osoo hin dadhabin qabeenya biyyaa fi hawaasaa irraa karaa hin taanen faayidaa argachuudha.

Malaammaltummaan karaa qaxxaamuraatiin sooramuu fi imaanaa biyyaa karaatti gatuudha.

#Qabeenyi_bu'aa_Yakka_Malaammaltummaatin_Deebi'u_yookin_ Dhaalamu_Kan_Akkamiiti? Haala_kamiinis_Dhaaluun_danda'ama?

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti qorataa seeraa #Obboo_Kadiir_Qaasoo qabannee dhiyaannee jirra.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii fi yaada mata durichaan walqabatu fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.