Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hooggansii fi hojjattoonni Inistiitiyuutii keenyaa akkasumas leenjifamtoonni leenjii hojiin duraa marsaa 15ffaa Sagantaa Ashaaraa Magariisummaa kaa'u akka biyyaatti yeroo 3ffaaf adeemsifamaa jiru milkeessuuf guyyaa har'aa biqiltuu mukkeen gosa gara garaa dhibba 500 ol ta'an mooraa InistiitiyuutII keenyaa naannawa gamoo mana jireenyaa haaraa leenjifamtootaaf ijaarrame keessatti duulaan dhaabanii jiru.
Dhaabbii biqiltuu kana boodas, namoota dhukkuba addaa addaatiif saaxilamuun dhiiga barbaadaniif deeggarsa akka ta'u, arjoomni dhiigaa taasifamee jira.
DIGITAL LIBRARY ILQSO 192.168.1.3 ITTI FAYYADAMAA
Oromia Law Journal(OLJ) is accredited by Ministry of Science and Higher Education based on the National Journal publishing practice standard. Our Institute thanks MOSHE for setting national standard of evaluation and for their recognition to our journal. The journal has come up with a research conducted on the Establishment of Oromia Customary/Indigenous/ Courts with its recent publication. We congratulate all contributors ,editors and our staffs. this recognition will also take us an extra miles. Ministry of Science and Higher Education - Ethiopia
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa yaa'ii guyyaa har'aa gaggeesseen wixinee labsii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf dhiyaate irratti mari'achuun sagalee guutuun labsii lakkoofsa 240/2013 ta'ee akka bahu moggaasuun raggaasisee jira. Mana Murtii Aadaa hundeessuuf Inistiiitiyuutiin keenya qorannoo gaggeessuun argannoo qorannoo kanaas mootummaa dhiyeessuun irratti hojjachaa turuun keenya ni yaadatama. Hawaasni Inisitiiyuutii keenyaa, ogeessonnii akkasumas qaamoleen qorannoo kana gabbisuun seera ta'ee akka bahu gahee keessan baatan hunduu akkasumas uummanni oromoo baga gammadan, baga walii gammadne jenna. Kana boodas, akkuma duraa seera kana hojii irra oolchuuf hundi keenyaa haa tumsinu.
CaffeeOromia
Labsii_M_Murtii_Aadaa_marii_miseensota_Caffeef.pdf
488.3 KB
Labsii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuu fi Beekamtii kennuuf Caffeen ragga'ee bahe Lakk. 240/2013
Kaayyoon Manneen Murtii Aadaa Hundeessuun fi Beekamtii kennuuf barbaachiseef labsicha keewwata 6 jalatti tarreeffamanii jiru. Isaanis:
1) Hawaasni naannichaa seera aadaa fi duudhaa bu’uureffachuun waldiddaa akka hiikkatu taasisuu;
2) Kenniinsa haqaa seera aadaa irratti hundaa’e, dhugaa fi haqa baasuu irratti fooyya’aa ta’e, hariiroo hawaasummaa wal dhabdootaa cimsuu danda’u hojiirra oolchuudhaan kabajamuu mirgoota lammiilee fi ol’aantummaa seeraatiif gumaachuu;
3) Hawaasni naannichaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa, adeemsi isaa salphaa ta’e baasii xiqqaan akka argatu taasisuu;
4) Sirna seeraa fi haqaa guddina aadaa, duudhaa fi afaan Oromootiif gumaachuu fi miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e uumuudhaaf akka ta'e ibsamee jira.
Hordoftoonni Amantaa Musliimaa hundi baga ayyaana Eid Al Adahaaf nagaan geessan! Eid Mubaarak! Ayyaana Gaarii !!!
Leenjifamtoota leenjii hojiin marsaa 15ffaa leenjii irra jiraniif leenjiin Bilisummaa Itti-Gaafatamummaa fi Iftoomina Hojii Abbaa Seerummaa irratti gama inistiitiyuutichaatiin erga kennameen booda rakkoowwan qabatamaan manneen murtii keessa jiranii fi mul'achaa jiran irratti akkasumas dambii fi qajeelfamoota jiran irratti dabalataan hubannoo akka argatan taasisuuf jecha I/G Waajjira Gumii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa kan ta'an obboo Makonnin Raggaasaa fi I/G Waajjira Naamusaa fi Inispeekshinii MMWO kan ta'an obboo Dachaasaa Kabbadaatiin leenjiin kennamee jira. Daayireektarri Olaanaa inistiitiyuutichaa, obboo Tasfaayee Booressaa kaayyoo leenjichaa fi barbaachsiummaa mata duree leenjichaa irratti ibsa kennuun akkasumas ogeessota kanneen leenjifamtootaan wal barsiisuun leenjicha eegalchiisanii jiru. Gama Mana Hojii Abbaa Alangaatinis dhimmoota walfakkaatan irratti ogeessanni affeerramuun leenjiin kennamaa turuun isaa ni yaadatama.