Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakka malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa ta'e deebisiisuu" jadhu irratti Abbooti Seeraa, Abbooti Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif Godina Baalee magaalaa #Roobeetti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSOn Mataduree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa_Dhimmoota_Xiyyeeffannoo_Barbaadan jedhu irratti leenjii kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #(ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH )Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Roobeetti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Alangaa Godinaalee Baalee,Baalee Bahaa,Boorana Bahaa fi Aanaalee isaan jala jiran akkasuas Bulchiinsa MagaalaaShaashamanneeti.

kaayyoon leenjii kanaa ,Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Manneen Hojii Abbaa Alangaa Falman Adda baasuu, Dhimmoota HH dantaa hawaasaa fi mootummaa ta'an agarsiisuu fi Dhimmoota Hojii misoomaa, Bulchiinsa mootummaatiin hojjatamaniin gosaa fi xaxamiinsi isaanii dabalaa dhufan irratti hubannoo cimsuuf yoo ta'u, akka waliigalaatti muuxannoo waljijjiiruun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e himamee jira.