Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Sadaasa 23/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree #Qabiinsa_fi_Eegumsa_Mirga_Namoomaa_Sirreeffamtoota_seeraa jedhu irratti Marsaa 2ffaaf leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa Adaamaatti kennaa jira.
Qaamoleen leenjii kana fudhataa jiran Manaajimentii,Miseensoota Poolisoota fi Ogeessota Manneen Amala Sirreessa Oromomiyaa yoo ta'an leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uun ibsame.

kaayyoon leenjichaa Qaamoleen leenjii kana fudhatan kunneen qabiinsa fi eegumsa mirga namoomaa manneen amala sirreessaa Oromiyaa keessaatti, qabiinsi mirga namoomaa seeraan kaa'amee fi qabatama manneen sirreessaa Oromiyaa keessa jiru walitti fiduun muuxannoo isaan bira jiru wal jijjiiruun hubannoo waloo qabatanii akkaataa seerri jedhuun qabiinsa sirreeffamtoota manneen amala sirreessaa fooyyessuu hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta'e I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Sulxaan Abdoo woyta haasawa baniinsaa taaaisan ibsanii jiru.
#Sirreessuu_fi_Haaromsuu_Sirreeffamtoota_Seeraa
Manni Murtii namoota yakka raawwatanii murtiin adabbii hidhaa itti murtaa’e adabbicha akkaataa seeraatiin akka raawwachiisan gara Bulchiinsa Manneen Sirreessaatti erga. Itti gaafatamummaan Mana Sirreessaas namoota ajaja Mana Murtiitiin isaaniitti ergaman kanniin yeroo adabbii ykn turtii isaanii akka xumuraniif raawwii adabbii hogganuun raawwachiisuun sirreeffamaa sirreessuu fi haaromsuu lammiilee naamusa gaarii qaban taasisuu dha. Manni sirreessaas sirreeffamaa simatee yeroo adabbicha raawwachiisutti bilisummaa sirreeffamaa hanga adabbii raawwachiisuuf barbaachisaa ta’ee ol daangessuu hin qabu. Raawwiin isaa bifa mirgaa fi kabaja namoomaa sirreeffamtootaa eegeen raawwatamuu qaba.( Heerri Mootummaa FDRI tiis kewt. 21, Labsiin Manneen sirreessaa Federaalaa lakk.1174/2012 kewt. 3, Dambiin Sirreeffamtootaa Seeraa Oromiyaa lakk.48/97 seensa/preamble/, Ibsa Waliigalaa Mirga Namoomaa (UDHR) kewt. 5)
#Sirreeffamaa_Sirreessuu_(Correction):- jechuun ademsaa namni yakka raawwate tokko sagantaa hidhaa, dhiifamaa fi baraarsaa keessatti adeemsa ittiin qabamuu fi adabamuu dha. Kanaaf gaheen ijoo tajaajila manneen sirreessaa yakkamaa to’annaa jala jiran Sirreessuuf tarkaanfiiwwan sirrii fi seera qabeessa ta’anii fi gargaaran biroo dabalatee kan keessatti fudhataman akka ta’e agarsiisa.
#Deebisanii_Dhaabuu_ykn_Haromsuu_(Rehabilitation):- jechuun bakka duraan ture irraa wanta sababa adda addaatiin gadi bu’e bakka duraan turetti ykn sadarkaa gaariitti ol-guddisuu (fooyyessuu) jechuu dha. Guuboon jechoota seeraa Black’s Law jedhamu ammoo jecha “haaromsa” jedhuuf hiikkoo yoo laatu, “Adeemsa amalaa fi ilaalcha nama yakka raawwate fooyyessuun jireenya hawaasummaa namni sun jiraatu keessatti yakka kan biraa deebi’ee akka hin raawwanne taasisuuf adeemamuu dha”jedha.
#Kaayyoo_ijoo_deebisanii_dhaabuu_ykn_haaromsuu yakkamaa ‘nama fooyya’aa, amala yakkamaa fooyyessuudhaan hawaasa keessatti deebi’ee akka makamuu gochuudha. Akka ogeeyyii fi hayyoonni yaada haaromsaa (reformative theory)tti amanan jedhanitti, yakkamaan tokko naannoo hawaas-dinagdee isaa guutuu keessatti akka dhukkubsataa tokkootti qoratamuun sirreessuu fi haaromsuuf yaaliin taasifamuufii qaba. Tiyoorii kana jalatti Mootummaan yakkamtoota haaromsuuf tarkaanfii akka fudhatuu fi kanaanis yakka to’achuuf carraa haala uumuu danda’u keessaa tokko ta’ee fudhatama. Kanaaf, manneen amala sirreessaa iddoo hidhamtoota deebisanii dhabuudhaan jireenya hawaasummaa isaanii deebi’anii itti jalqaban waan ta’eef hospitaalota miidhamtoota hawaasaa itti wal’aananii fi fayyisanidha jechuun ni danda’ama
#Tooftaalee_Sirreeffamtoota_Haaromsuu
1. #Haaromsa_Hawaasummaa; kunis maatiin/hiriyyootaan carraa daawwannaa argachuu, hidhamtichi hanga tokko addunyaa alaa waliin qunnamtii akka qabaatu hayyamuu (xalayaa barreessuu, bilbila ..) fi sirna mana hidhaa banaa uumuun naannoo hidhamaa fi maatiin itti walgahan mijeessuudha.
2. #Manneen_Hidhaa_Banaa ;manneen amala sirreessaa banaa ta’an irra caalaan isaanii qonna hidhamtoonni keessatti hojjetan kan qaban yoo ta’u, gurgurtaan galii oomishaa galii mindaa isaanii ta’ee tajaajila. Fkn biyya USA., Neezarlandi, Faransayi fi Beeljiyeem bal’innaan fayyadamu.
3. #Hidhaa_Yeroo_Muraasaa; akkaataa mala kanaatiin yakkamaan yeroo mana sirreessaa keessa turuti iddoo barbaadetti socho’uu fi miseensota hawaasaa adda addaa wajjin walitti dhufeenya uumuu danda’a. Beeljiyeem keessatti yakkamtoonni hawaasa keessatti bahudhaan haala itti fufiinsa qabuun hojjechuu ykn barnoota isaanii barachuu ni danda’u, garuu galgalaa fi dhuma torbee irratti gara mana sirreessatti deebi’uun mana sirreessaa keessatti dabarsuu.
4. #Hariroo_Maatii; Sirna kana keessatti hidhamtichi mana hidhaa keessatti bakka adda ta’etti, wabii xiqqaa dhiyeessudhaan ykn wabii malee, maatii waliin wal arguu fi waliin akka jiraatu mana hidhaa irraa haalli itti hayyamamuuf ni jira. Biyyoonni guddatan kanneen akka UK fi USA mala kana fayyadamuu hojiirra oolchanii jiru.
Sababin isaa gaa’elli akka hin mancaane ykn hin diiggamne gochuu fi ijoolleen maatiin isaanii mana sirreessaa keessa jirann wajjiin miira adda baafamuu fi gammachuu dhabuu isaanii xiqqeessuufi gargaaruuf barbaachisaa waan ta’eefiidha. Dabaalatanis, hidhamtoota gidduutti sochiin saalqunnamtii saala walfakkaataa akka hin uumamnee dhoorkudhaaf.
5. #Gandoota_Mana_Hidhaa ;yaada kana jalatti hidhamtoonni filatamoo ta’an tokko tokko mana hidhaa cufame keessatti osoo hin taane, gandoota filatamoo ta’an keessatti maatii isaanii waliin rakoo nageenya xiqqaa ta’een bakka itti too’atamanii yeroo hidhaa isaanii akka dabarsan kan hayyamamuufidha. Gandoota mana hidhaa keessatti hidhamtoonni maatii isaanii waliin jiraatu, qonna keessattis ta’e sagantaa ogummaa biroo kamiyyuu keessatti of hirmaachisu. Ijoolleen jaalala, kunuunsaa fi eegumsa warra isaanii malee yeroo guddatan rakkoon biroos uumamuu waan danda’uuf rakkoolee kana irraa isaan eeguu irrattis kan xiyyeefateedha.
6. #Haaromsa_Diinagdee; Sagantaan kun mana sireessaa keessatti madda galii ittiin argatu uumuu dha.Mana sirreessaati yemmuu bahu carraa hojii uummachuun galii jireenya isaa kan ittiin taasifatudha,
Imaammatni sirna haqa yakkaa Itoophiyaa bara 2003 bahe hojiin sirreeffamtoota seeraa sirreessuu hojii sirna haqaa yakka biyyattii keessatti hojjetaman keessaa tokko akka ta’e bifa ifa ta’een teechisee jira. (Imaammaticha lakk. 5.3). Kaayyoon hojii kanaas adeemsa adabbii mana murtiitiin kenname raawwachiisuu keessatti sirreeffamaa lammii oomishaa taasisuun hawaasatti yeroo makamu jireenya nagaa akka jiraatu dandeessisuun faayidaa fi mirga akkasumas nagaa fi tasgabbiin hawaasaa fi mootummaa akka mirkanaa’u gochuu dha. Bifuma wal-fakkaatuun, labsiin hundeeffama komishinii manneen sirreessaa Federaalaa lakk.1174/2012 akka ibsutti gaheen hojii fi Kaayyoon hundeeffama manneen sirreessaa namoota mana murtiin adabbiin irratti darbuun gara isaaniitti ergaman simachuun jijjiirraa amalaa fidanii akkasumas dandeettii ofiin hojjetanii of bulchuu horatanii lammii seera kabaju ta’anii hawaasa bal’aatti akka makaman gochuu dha.
Kanaafuu manneen Sirreessaa kaayyoo sirreeffamtoota sirreessuu fi haaroomsuu heeraa fi seerotaan taa’e kana milkeessuuf tooftaalee fi teeknikota armaan olitti tuqamani fi kanneen biroos hojiiwwan ittigafatamummaa itti kenname akka bahu isa fayyadan hundaa hojiirra olchuu qabu.