Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hagayya 30/2016

Hojiilee Tola Ooltummaan ILQSOtti Hojjataman

Hojjattoonni nistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ji'a Gannaa kana hojiilee tola ooltummaa hedduu hojjatanii jiru.

Hojiilee Hojjattoota Inistiitiyuutichaatin hojjataman boolla biqiltuu qopheessuu irraa kaasee biqiltuu dhaabuu, hojiiwwan duulaa garaagaraatiin mooraa Inistiitiyuutichaa qulqulleessuu,sagantaa Ashaaraa magariisaa akka biyyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuu fi lammii isaanitiif dhiiga arjoomuun hojii tola ooltummaa hojjataa jiru.

Gama biraatiin Leenjitoota hirmaachisuun hojiin duula qulqullinnaa hojjatamee jira.
Qaammee 2 / 2016
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) guyyaa har'aa Qaammee 2 , Guyyaa Riifoormii Sababeeffachuun duula qulqullinnaa gaggeessaa jiru.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Uummata Oromoo, akkasumas ,Uummattoota Itoophiyaa Hundaan
" Baga Bacaqii Gannaa Oofkaltanii Booqaa Birraatti Nagaan Ceetan!" jechaa,
Barri Haaraan 2017;
Bara Nagayaa,
Bara Jaalalaa ,
Bara Tokkummaa
Hunda keenyaaf bara milkii haa ta'u jechuun hawwii qabu ibsa.

Ayyaana Gaarii!
Fulbaana 9/2017
Hojjattooni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Haala kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2017 irratti marii gaggeessan. Maricharratti sanadni mariif dhiyaate faayidaa Ayyaanni Irreechaa gama hundaan qabu bal'innaan ka'ee jira.
I/Aaanan Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo "Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa,ayyaana araaraa fi ayyaana nagaa tahuu ibsuun hundi keenya milkaa'inaa fi karaa nagaatin kabajamuu ayyaanichaatiif gahee keenya bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.